SABQUUNAMTII WANGEELAA BIRMADUU

Yeroonn gooftaan Kenya Yesuus Kiristoos dhalatee, seenaa saba Isreal Kessaatti yeroon sun yeroo dukana’aa ture. Yerichii yeroo geggessitoonni amantii manaa Waaqayyoo kan dhimmaa angoo namaa tajaajiluu fi albadhuummaan guute, yeroo sabbi Israa’el ayyaana Waqayyoon jiraachuu fi fedha Waaqayyoo jalalaa fi marara garaa guutuu tajaajiluu dhiisee amantii seeraa kan soda fi fedha qalbii nama tajaajilu duukaa bu’ee ture.
Karaa haala siyyaasaa fi dinagdee, yeroo kanattii sabii Isiraa’el, abbaa biyyummaa isaanii dhabanii bittaa Roomaa jalatti kufaanii rorroo hama jala jiraachaa turan. Waggaa dhibba afur oliif sabii kun otuu human furii Waqayyoo isa karaa raajotaa fuulaan shakalaa turan hin argiin dukana kessaa deddebi’uu turan.

Dukana kana kessatti egaa kan ergamaan Waaqayyoo yeroon furii Waaqayyoo akka ga’e, Waqayyoo arara isaattiin gara namaa, biffaa haaraa fi argamee hin beekneen gidduu isaanitti akka aragmu, inni raajoti dubbattan guyyaan fayyinaa fi birmaduu guutuu Waqayyo biraa akka dhufe dubbatte.

Raajichi Isaayyas waa’ee dhufaatii Waqayyoo, yookaan akeeka furuu isaatii yeroo dubbatu akkas jedha; “ Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammaduu, lafti onaanis ililchee akka arfaasaa in daraaraa; … harka dadhabe qabatii kaasaa, jilba mudhkes jajjabeessa! Warra garaa dodaataa qabaniin “jabadha, hin sodaatinaas! Kunoo Waaqayyoo keessan, ijaa bafachuudhaaf, adabuudhaaf, isin immoo fayyisuudhaaf, gara keessan in dhufa. Yammus iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saqamaa, yammus namii naafate akka borofaa in utaala, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchuu; lafa duwwaa keessa bishaanonni in ba’uu, lafa onaa kessa bishan burqituun in yaa’aa.” Isaayyaas 35: 1, 3-6
Guyyaan dhalootaa gooftaa keenyaa waa’ee furii Waaqayyoo isa abdachiifamee, dhufaatii hiikoo Waaqayyoo kan nu yaadachiisuu guyyaa addati. Yeroo Wangeela keenyaa dubbifannuu isa kana guututti arguu dandeenya. Misiraachoon dhalachuu gooftaa Yesuus, isa raajichii Isaayyas jedhuu kanaan kan haammatamee ta’uu isaa arginaa. Fakeenyaaf, Elizaabeetii fi Zakariyaas kan mucaa hin agatin turaan, yeroo kana hiikoo Waaqayyoon simatamuu isaanii argina. Inni kun kan argisiisu isa sichii Waaqayyoo jireenyaa warra isa amanatanii karaa Gooftaa yesuus Kiristoos jireenyaa maseenummaa keessaa gara jireenyaa isa hormaata qabuutti, isa cubbuun biyya lafaa naaffisee fi jaamsee hiikee gadii dhiisuuf jiruu dubbata. Dubbii kana yeroo jireenya isaa irratti arge Zakariyaas akkas jedhee farfate; “Waqayyoo gooftaan Israa’el kan galateefamuu dha, saba isaa furudhaaf dhufe; fayyisa ango qabeessa nuuf kaase, lata garbicha isaa Daawwit keessa; Afaan qulqullootaa raajota isaattin dubbachaa akka ture bara durii duriiti jalqabee harka diinota keenyaa akka nu olchuu qabaa warra nu jibban keessaa akka nu baasuu …” Luqaas 1:67-71

Zakariyaas farafannaa isaa kana kessatti Waaqayyoo waqayyuumma isaa dhugoomsuu abdachiisa isaatiin nuuf mirkaneesse kanaaf galateefamuu qaba jedha. Mariyaam yeroo waa’een isheen dubummaatti ulfooftu itti himame waa’ee aangoo Waqayyoo kanaa “Waqayyoof waanti hin danda’ane hin jiru” jette ergamaa misiraachoo itti hime sanaaf dhugaa baate. Boodaa akkas jechuun waa’ee aangoo fayyisuu Waqayyoo isa jireenya ishee kessatti shaakalte kana farfatti; “Waqayyoo waan guddaa anaaf godhee; maqaan isaa qulqulluu dha araarri isaa dhalootaa hamma dhalootaatti warra isa sodaan irratti. Irree isaatin angoo isaa mullise; warra kooranis yaada gara isaanii wajjin bittimse, gooftato ol of qaban teesso isaanii irraa isaan buuse, warra gadi deebi’an ol isaan kaase. Waarra beela’an waan gaarii dhan isaan qubse…”

Zakiyoos akkasumas Maariyaam dhufaatii gooftaa Yesuus akkaataa fayyisuu Waaqayyoo isa olanaa kallatti jireenya isaanii hundumaa kan geddaruu, akka qaamaan dhufaatii Waqayyootti hubattan. Duubbiin kunis immo dhugaa dha. Inni Waaqayyo kakuu moofaa kessatti abdachiisee, fayyinii fi hiikamsii dhalachuu Yesuus kanaan dhugoome. Kanaaf guyyaan dhaloota goofta kun guyyaa dukana irratti ifti ba’ee, iddoo du’aa, cunqirsaa, jibbaa fi hammina garaa garaa irratt jirrenyi, nagaan, jaalallii fi birmadummaan, kan Waaqayyootti of kennaan marraaf gochaa Yesuus irraa kan ka’ee ayyaanaan kenamee dha. Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo ofii isaa karaa gooftaa Yesuus nama hundumaaf kennaa godhee of kennee dha. Arraa kennaa kana yoo of harkaa qabna taane, gooftaan Yesuus jireenya keenya keessatti aangoo fi iddoo qaba yoo ta’e, nuti dhugumaan warra aangoo ti, warraa Waaqayyoo wajjin jiru, warra biyya lafaa cunqursaa isaa fi jibbaa isaa mo’ataan, warra abdii guutu ti. Guyyaan kun isa kana nu yaadachiisa.

Tarii battala kana kaan keenyaa turaatii abdii keenyaan qalbiin kan nu ulfaatee, hidhama garagaraan kan jireenyyi hafuuraa fi foonii keenya naafatee yaada cabaan deddebinu jirra ta’a. Seenaa dubbisa sagalee Waaqayyoo olitti ilaalle yoo yaadatti qabanne garuu, Waaqayyoo jireenya keenyaf furmaata kennuuf, hiika itti gochuuf amanamaadha. Dhugumaan Waaqayyoo akkuma sagalee isaa kessatti nu abdachiise hidhaa kam iyyuu irra nu furuuf akeeki isaa yoom iyyuu gara keenya. Hamamuu jireenyi keenya dukkana cubbuu fi cunqurssaa warraa angoo qabaniin yoo midhame iyyuu, birmaduun Waaqayyoo fagoo mit. Akkuma Zakariyaas abdii fi amantiin yoo iddoo keenya dhaabbannee, akka Maariyaam yoo mamii keenyaa amantii human gochuu Waaqayyoon iddoo buufne dhugumaan fayyisuu Waqayyoo arguuf jirra. Waqayyoo nu wajjin ta’uu filatera waan ta’eef. Egaa, warra ayyaana ayyaneffan duwwaa otuu hin taane, warra Waqayyoo isa nu wajjin ta’uu filate kanatti oflaate, warra ayyaanni fi qajeelumaa Waqayyoo irratti mullatu, warra nagaa fi birmadummaa, jaalala fi dhugaa, dhifamaa fi araara jiraatanii fi labbsaan ta’uutti guyya guyyaan guddatan akka taanuu Waqayyo hunduma keenyaaf ayyaana isaa haabaayyisu.

Hundaa oli kennaa Waaqayyoo nu hundmaaf kenne ofii isaati, kun immoo jalala isaa keessa madde. Arra kan nuti walii walii keenyafa gochuu dandeenyu, jalala kana waliif kennuudha. Iddoo jaajalli jiruu, wal simannaa fi waliif ho’uutu jira, tasagabii fi nagaatu jira, abdii fi hara’umsatu jira. Iddoo sana Waqayyootu jira. Iddoo Waqayyoo jiru immo waan hundumaatu jira. Hafuura kana kessatti Waqayyoo nu hundumaa haa’eegu.
Ayyaana dhalootaa gaarii fi barii kuma lamaaf kudha hafuur dhufaa jiru bara ebbaa fi tajaajila milkii guutuu nu hunudmaaf hata’u!

Lb. Dr. Gemechu Olana, Barrefame