SABQUUNAMTII WANGEELAA BIRMADUU

“Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubata, namni ogeessi garu in obsa, of qabaas in dubbata” Fk. 29:11.

Ergaa gabaabaa yeroo fannifamuu fi du’aa ka’uu ilaalchisee, kessaa iyyuu madda aarii isa gooftaa Yesuusiin fannisiise.
Yeroo waa’ee firdii fi du’atti dabarfamee kennamuu Yesuus Kiristoos Wangeela kessatti dubbifanu, waanta gurguddaa lamatu seenaa sana keessa mul’ata. Aarii geggessitoota amantii, akkasumas saba isaan duuka jiranii fi soda warra aangoo qabanii ti. Isaan kana lamaantu walii galee, Yesuusiin kan cubbuun tokko illee irratti hin argamne, fira hiyyaassaa fi cubbamootaa, kan warra hawwaasii gadii gate olqabe, akka cubamaa fi hattuutti muka googaa irratti saafaan fannisani. Haala yeroo sana keessatti yoo ilaalli haalli isa nama qalbii nagaa fi hafuura qajeelaa qabuu hundumaaf hedduu ulfaataa dha. Mel Gibson, haala kana filmii isaa kan ‘The Passion of the Christ’ jedhu keessatti haala gaariin olfuudhee mullisa. Yakkii fi hammnnii raawwate, yoo senaa sana kessatti ilaallee guyyaa dukkaneesse, haffurra warra abdii hara’umssaa godhatanii isa duukaa turan cabsee, ‘meerre Waaqayyoo?’ jechisuus argina.

Plaxoos, bulchaan biyyaa yeroo sanaa kan durabuutotti amantii Yesuusiin itti dhi’afatan, mudaa tokko akka irratti hin agarre dhugaa ba’ee akka gadii dhiifamuu yeroo innii yaada dhi’eesse kan isa dhaga’e hin turre. Hunduu sagalee tokkoon ‘hafannifamu … haafannifamuu’ jedhanni wacani. Plaaxos yoo dhugaa dubbichaa hubate iyyuu angoo isaatiif waan sodaateef wacaa namootaa fi fedha abboota amantii hojii irra oolchuu filate.
Maal kan akka kana abboota warra amantii aarsee, nama qulqullu kana akka kanatti akka du’uuf dabarsanii akka kennaniif isaan oofe? Hubachuuf, isa kana yoo duubatti deebinee seenaa Yesuus haala yeroo sanaa keessatti dubbifannee hubachuu in dandeenya jedheen amana. Yeroo gadii fageenyatti ilaallu, hammnii hamma kana ga’uu kan dhufe aarii dhidha ( challenge) barsiisa, jireenyee fi hojii gooftaa Yesuus isa abboota amantii eenyummaa fi hubannaa isaanii wa’ee ayyaana Waqayyoo otuu hin taanee, amntii seeraan kan oofaman, keessa kan maddeedha. Hubanaan isaanii, kan eenyessi isaanii iraatti ijaarame, kan isaan ofii isaaniti iyyuu itti jiraachuu hin dandeenye hojii fi jireenya gooftaa Yesuusiin qeeqa jala galuu isaati. Inni kun imoo ilaalchaa fi hubanannan isaan waa’ee ofii isaan qaban, jireenya itti fakkessaa irraati kan ijaarame (hypocrisy, ὑπόκρισις (hypokrisis), saaxilamuun ( fakeenyaaf Yohn. 8: 1-11) aarii qaanii waa’ee enyummaa isaanii fi soda tuqama angoo isaanii irraa kan ka’ee seesa tokko malee Yesuusiin fannisisuusaanii argina.

Waanti kun arra nuuf haaraa miti. Yoo galagallee arra naannoo keenya ilaalle, arriin, hammina garaagaraa, jibbaa fi maqballeessin jiru, Waldaa Kiristiyaanaa kessat ta’ee ta’e ala, akkasumas gooliin dhiiga namaa dhangalaassu, irra caala hawwii qabqajeelummaa irraa otuu hin taane aarii garaa garaa, shaakala hamaa keessa darbame, kulkula qabnuu, milkaa’uu dabina, hawwaa fi ofhubee dogoggoraa, akkasumas sodaa irraa akka ta’ee hubachuun nama hin rakkisu, dhugaan yoo gadi fageessinee ilaalle.

Isa kaanfi egaa kan gooftaa Yesuus, otuu dhiphatuu fannoo irra taa’ee ‘waan godhan hin beekanii isaaniif dhiisi’ jedhe. Yeroo hafuurri keenyaa aarii fi sodaan guutuu dhugumaan wanata dubbanuu fi goonu hin beeknu.

Aarii fi sodaan gar tokko nammi eenyessi (personhood) isaa yeroo tuqamu yokan kan tuqame itti fakkaatu, off irraa facisuuf kan inni godhuu itti dhaga’ama umamaa ti. Kanaaf yeroo aariin nu qabatuu, butamnee itti dhaga’ama keenyaaf bitamuu duraa, maddi aarii keenyaa maal akka ta’e, dhugummaa isaa, akkasumas eenyessi keenyaa kallatti inni ittiin tuqamee yoo qalbeefannee xiinxallee ilaaluu dandeenye aarii gara diinummaa hamaa fi goolii hin taaneetti geesuu irraa ooluu dandeenya. As irratti kan ani jechuu barbaadee, aarii keenyaa gadi qabuu yookaan haaluu otuu hin taanee, maddaa aarii keenyaa gadi fageessinee hafuura ofii keenyaa keessatti xiinxaluun, hamaa hundumaa nu olcha. Sagaleen waqayyoo akkas jedha, “Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubata, namni ogeessi garu in obsa, of qabaas in dubbata” Fk. 29:11. As keessatti sageleen kun kan inni nu gorsuu, yeroo arriin nu qabatuu obsinee, hundumaa duraa ofii keenya keessa ilaaluun, aariin keenyaa maalii wajjin, keessumaa eenyessa keenya ilaalchisee, yoo yeroo fudhannee ilaalle qabanoofnee yaadaa qajeelaatti deebinee deebii hubannaa fi dhuugaa qabuu laachuu dandeenya. Mee wanta kana fakeenyaanan ibsa. Baayyeen keenya yeroo ijoolleen keenyaa waa itti dubannee, isaan immoo yaada keenya sana fudhachuu irra asii oli nutti deebisan aariin dheekamnee lafa irraa isaan kaafana. Yoo waanta kana gadii fageessinee ilaalle, duta kana kan fidu, gochaa isaanii caalaa akkaataa nuti itti of ilaalluu, waa’ee tuqama eenyummaa keenya ti. Ijooleen achii ol nutti dubachuun eenyessi keenyaa gaaffii jala waanta galee waan nutti fakkaatuu, tasgabiin yaada keenya ijoollee hubachiisuu irra, achii gadii itti dunna. Baayeen isaa kun immoo dhaalaan kan nutti darbe, shakalaa fi hubannaa kuufamee dha. Ariin baayyee keenyaa, arra kan dhalate otuu hin taanee, dhaalan shakalaan kan arganeedha. Arra yoo ilaalle, baayeen keenyaa yaadi keenya wanta hin fudhatamneef, yookaan haala jiru akka biraatti wanata dubbifnuuf, yokan immoo shaakala darbe keessatti hidhamnee waan jiruuf dheekamsaa fi lolaan malee walitti dubbachuun nu danqa. Kanaaf, Waldaa kiristyaanaa kessattis ta’e hawaasa keenya keessatti, arii fi sodaan dhuunfatamnee wal diiguu, wal loluu, maqaa wal balleessuu aadaa ta’ee jira. Sagaleen Waqayyo garuu akka jedha, “Dheekkamsi nama Waaqayyoo duratti qajeelina namaaf hin hojjetu” Yaq. 1:20

Aaariin akkuma olitti iaalalle itti dhaga’ama waa’ee tuqamuu eenyessa keenyaan kan walqabate waan ta’eef, yeroo tokko aaruun keenya hin oolu. Sagaleen Waqayyoos aaruun cubbuudha hin jedhu, aarii keenyaan wanta nuti goonu malee. “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isn hin geessin. Utuma aarti jirtaniis aduun isn duarti hin lixin” Ef. 4:26 Sababiin isaa yeroo aariin nu dhuunfatu, qalbii isa qajeelaa keessaa baanee human balleessuu, diiguu, fi goolii taana (Ef.4:27). Fannifamuu gooftaa Yesuus Kiristoos yoo ilaalle Fariisotii fi geggessitoonni amantii warrii hojii, barsiisaa fi jireenyi Yesuusiin didhaman, kan eenyessi isaan ijaarratan jalaa tuqame itti fakkaate, hadhaa’ummaa hamaa aariin guddaan guuteen gooftaa Yersuusiin seesuu tokko malee fannisiisani. Yoo teenyee ilaalle gooftaa Yesuus isa isaan warraa eeyummaa isaanii amantii seeraa isa hafuura namaa hidhuu fi cubbuu oftulummaa, jibbiinsa, tuffii fi hadhaa’ummaa hundaa horu irraa hiikuuf dhufe simachuu hin dandeenye.

Mee gara ofii keenyaatti haa deebinuu, jireenyi keenyaa maal fakkaata? Aarii keenyaa akkamitti qabachaa jira? Sagaleen Waaqayyoo “Hadha’ummaa, dheekamsi, aariin, waci, maqaa wal balleesuun, hamminni hundinuu isin irraa haafagaatu. Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; akkuma Waaqayyo karaa Kiristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa.” Efs. 4:31-32. Kanaaf mee yeroo du’uu fi du’aa ka’uu gooftaa Yesuus ayyaanefannu kanattii, asii achii waa’e aarii keenyaaf quba namatti qabuu, wal balaalefachuu irraa hafuura ofii keenyaa qorree ilaaluu akka dandeenyu Waaqayyoo ayyaana isaa nuuf habaayyisu. Haara’umsaa fi geddaramsa kan fiduu goolii, dheekamsa, fi duutuu otuu hin taane jaalalaa fi nagaa jaalalaa fi kabacha kessaa maddu duwwaadha. Inni kun immoo kan ta’uu nammuu dhuunfaa dhuunfaa isaatti hafuuraa ofii isaa ilaalee xiinxalee yoo of mo’achuu danda’e qofa. Kan hundumaa kan bu’uura ta’ee waa’een eenyummaa keenyaa mirkanaan isaa namoota naannoo keenyaa, hojii, qabeenyaa, aangoo yookaan qomoo irraa otuu hin taane, Waaqayyo isa karaa gooftaa Yesuus eenyummaa gati-jabeessa nuuf kennne waan ta’eef, off irraa hiikamnee isa kana gochuu akka dandeenyuu Waaqayyoo ayyaanaa isaa nuuf haabayyisu.

Lb. Dr. Gemechu Olana, Barrefame