SABQUUNAMTII WANGEELAA BIRMADUU

Namni sammuu fi qalbiin issaa nageenya qabuu hundi ijoollee ofii ni jaallata; ni mararsiifatas. Dhiigii ofi nama ta’ee arguun, yookaniis “ija ofii ijaan arguun” gammachuu dangaa hinqabne akka namaaf kennu abbaa fi haatii ijoollee gaarii godhanii beeku.

Keessattuu haatii mucaa ishee baatiiwwan sagaliif (kanaa gadi yookan ol ta’uu danda’a)) garaatti baattee, wayitii da’uun ishee ga’uu cininsifattee deessee, erga mucaan dhalate/ ttee boodas harma hoosiftee, qulqulleesitee, akkasumas karaa hundaan kunuunsitee waan guddiftuuf jaalalli isheen ijoollee ishee tiif qabdu hanga kana jedhanii ibsuun ni ulfaata. Haa ta’u malee, ijoollee jaallachuun—baay’ee barbaachisaa ta’ee utuu jiruu—qofaa isaa ga’aa miti. Gama hundumaan fedhii ijoollee hubatanii, namuusaa fi ogummaa barsiisanii, jireenya fiixaan ba’umsa qabuuf qopheessuun dirqama maatii ti.Barruu qulqulluun (wangeelli) keenya waa’ee guddisa fi kunuunsa ijoollee sirriitti barsiisa. Waan ijoollee fi maatii irraa eegamu kallattii dhaan ibsa: “Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha.” (Efesoon 6:1) jechuudhaan erga ijoollee akeekkachiise booda “ Isini immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hintuttuqinaa!” (Efesoon 6:4) jedha. Sagalee Waaqayyo isa lafee fi ribuu namaa keessa seenee nama jijjiiruu ijoollee barsiisuu fi dhaloota itti aanuuf galaasuun itti gaafatamummaa maatii ti. Tooruma kanaan Museen akkas jedhee saba Israa’eel tti dubbate:
“Ati Waaqayyo gooftaa kee garaa kee guutuu dhaan, humna kee guutuu dhaanis jaalladhu! Dubbiin ani hara’a si abboomu kunis garaa kee keessa ha taa’u! Isaas keessa deddeebi’ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo deemtu, yeroo ciiftuu, yeroo kaatus waa’ee isaa dubbadhu! Ati akka milikkitaatti harka kee irratti isa hidhadhu! Ija kee durattis kan rarra’u haa ta’u! Michichila balabala mana keetii fi karaa keetii irratti isa caafi ( Seera Keessa Deebii (6:5-9)!

Egaa akka Museen qooqa jaalalaa tiin saba Israa’eel sagalee Waaqayyoo qalbeeffachu tti eeree (argisiise), nus ijoollee keenya gama kanaan guddisuun kennaa kennaawwan hunda caalu dha yoo jehame dubbii ho’isuu hinta’u. Ijoolleen xinnummaatti dubbii waaqayyoo qixaan hin barsiifaman taanaan wayitii umurii dargagummaa ga’an falasumaa biyya lafaa fi gaaffii eenyuummaa ofii xinxaluu keessa waan seenaniif waan dhugaa isaanitti fakkatu filachuuf dirqamu. Walumaa gala tti, ijoollee keenya xinnummaa tii eegallee ogummaa fi jaalala waaqayyoo barsiifnee yoo guddifne bu’aa ba’ii jireenyaa keessa obsaa fi eeggaannoo dhaan darbuuf carraa argatu. Kennaa waaqayyo kenneef itti fayadamanii kallattii adda addaa tiin fiixaan ba’umsa argachuufis qophee ta’u.

Aadaanis Ijoollee guudisuu keessatti shoora guddaa akka qabu beekamaa dha. Aadaan hundumtuu “godhii-fi-hingodhiin” hedduu waan qabuuf ijoolleen haaluma kana keessatti guddatu. Adabbii qaama gar-malee miidhuu eegalee hanga jaalalaa qofaan ijoollee guddisuu tti waan hedduu tu raawwatama. Fakkeenyaaf aadaa tokko tokko keessatti (kan keenya dabalatee) mimmixaan uluu fi ibiddaan gubuun illee akka jiru qorannaan hayyootaa ni mirkkanneessa. Ani iyyuu ijoollee sababaa adabaa maatiitin qaamni isaanii miidhame yookaan hir’atee ija kootiin argeera. Ofuma kooti iyyuu wayitiin ijoollee ture jirmi ani ittiin hinreebamin hinturre! Sababaa fi haqa malee akka bofaa tumamuun yaad-qalbii namaa miidha, saalfattuu nama godha, ofitti amanuu nama saama— tariis eegee godhee nama hanbisa. Kun egaa aadaa isaa baayyeen keenya keessa turree fi amma iyyuu dhiibbaa nurratti uumaa jiruu dha. Biyyawwan gama dhiyaa kana keessatti garuu adabbiin qaamaa seeraan waan dhorkamuuf maatiin— utuuma barbadani iyyuu— ifa tti qaama ijoollee miidhuu dhaan adabuu ni sodaatu.

Gama biraan immoo, maatiiwwan hedduun biyya ambaa (biyya ormaa) keessatti ijoollee godhatan aadaa lama gidduutti qabamanii haala ittiin ijoollee guddisan murteessuuf waan danqaman fakkaatu. Maatiiwwan gar-tokko utuu seera biyya keessa jiraatanii hinhubatiin adabbii qaamaa ijoollee isaanii waan adabaniif CPS (Tajaajila Eegumsa Ijoollee) dirqamaan ijoollee isaanii akka harkaa fudhatan gabaasi jira. Gar-tokko immoo “Ameerikaan ijoollee adabuu nu dhowwee, ijooleen keenya nu harkaa baate!” jedhanii dubbatu.
Kanaafuu, biyya ambaa kana keessatti ijoolleen attamitti guddachuu qabdi? Mee gama qor-qalbii (psychology) tiin qo’annoo fi qorannoo ammaan kana addunyaa irratti fudhatama guddaa argatee jiru tokko waliin haa caqafnu.

Akka hayyuun qor-qalbii beekamtuun, Diana Baumrind (1967) daawwanna maatii, gaaffii fi deebii maatii waliin, fi mala qorannoo fi qo’annoo adda addaa tti fayadamtee bira geesse tti haala ittiin ijoolee guddisan sadii tu jira. Hayyoonni qor-qalbii biroon immoo haalli guddisa ijoollee kan biraan akka jiru qoratanii isa afurffaa itti dabalani. Mee haala guddisa ijoollee kanneen afuran haa ilaallu.

1) Humnaan Ijoollee Guddisuu
Haala kana keessa tti ijoolleen seera hin hinjijjiiramne kan maatiin baase mara gaaffi tokko malee akka fudhatan irra eegama. Yoo ijoolleen seera kana fudhachuu yookaan hordofuu didan adabbii tu isaan irra tti fudhatama. Maatiin akkasii kun seera baasan sana fi maaliif seerri sun barbaachisaa akka ta’e ijoolleef hin ibsani. Yoo ijoolleen “Maaliif?” jedhanii gaafatan, “Ana tu jedhe, waanan jedhe raawwadhu!” jedhu. Fedhii fi yaada ijoollee hin hubatani; kan isaan irratti qiyyaafatan ijoolleen “Tole.” jechuu isaanii qofa irra tti. Ijoolleen haala akkasii keessa tti guddattu salfattuu fi kan ofitti hin amanne ta’uu dandeessi. Itti dabalees, bakka warri bira hin jirre tti faallaa isanii deemuu dandeessi.

2) Ilaa fi Ilaameen Ijoollee Guddisuu
Haala kana keessa tti immo seerrii ijoolleen hordoofuu qabdu maatii dhaan tumamee, ijoolleen seera kana akka hordoftuuf ilaa fi ilaamee dhaan wajjin mari’atama. Maatii akkasii feedhii ijoolee isaanii ni hubata, waan isaan jedhan ni dhaggeeffatu, akkasumas wayitii ijoolleen seera kan cabsitu jaalalaa fi obsaan irra deebi’anii isaan gorsu malee adabbii tti hin arifatan. Maatiin akkasi kun yaada isaanii sirrii tti ijoolleef ibsu, fedhii fi amala isaanii ni hordofu, haqaan ijoollee isaanii guddisus. Guddisi ijoollee haala kanaan yoo ta’e degersa guddaa kenna malee hamilee isaan hintuqu, qaama isaaniis hin midhu. Haalli kun ofi tti amanu, yaada ofii ibsachuu, itti-gaafatamummaa fudhachuu, of to’achuu, haqa hubachuu, si’aayina fi fiixaan ba’umsa ijoollee gonfachiisa jedhamee amanama.

3) Akka Feetee
Maatiin haala kana keessa tti ijoollee guddisani seera yartuu ijoolleef tumu—yookaanis seera hin qabani. Ijoollee irraa waan eegamu hedduun waan hin jirreef yeroo baay’ee namuusa barsiisuun hin jiru. Amala qajeelaa fi yaada bishaataa ijoollee isaanii irraa waan hin eegneef ijoolleen akka feete ta’uuf carraa argatti. Of to’achuu fi nama dhaggeeffachhun hin jiru jechuu dha. Sababaa kanaaf maatii fi ijoollee gidduu hariiroon jiru hariiroo hiriyummaa malee kan maatii fi kan ijoollee miti. Egaa akkuma tilmaamuun danda’amu, ijoolleen haala kana keessa tti guddattu namusa hin beektu, of hin to’attu, namaaf ulfina hin kennittu, of jajji, waan obsaa hinqabneef fiixaan ba’umsaa argachuuf abdii guddaan irra tti hingatamu.

4) Wal-Buusuu
Maatii tokko tokko immoo fedhii bu’uuraa ijoolleef guutuu irra darbanii jireenya fi guddina ijoollee isaanii keessaatti qooda hin fudhatani. Ijoollee wajjin hin mari’atani, fedhii isaanii hin gaafatani, gaaffi ijoollee hin deebisani, ijoollee isaanii “Bakka isheen jirtu hin beekani”. Haala baay’ee hamaate keessa tti immoo ijoolee isaanii ni buusu, ni jibbu, yookaan dhiisanii deemu. Ijoolleen haala kana keessa tti guddattu rakkina nageenya sammuuf saxilamti, of tuffatti, kaayyoo dhabdi, ni yeelalti, akkasumas balaa adda addaa keessa tti kufti.

Egaa akkuma armaan olitti ibsame, ilaa fi ilaamee dhaan ijoollee guddisuun hunduma caalaatti filatama. Ijoolleen haala kana keessatti guddatan gama yaad-qalbii (amala), hawwasumaa fi fiixaan ba’umsaa tiin warra biroo caalaa tti abdiin akka irra tti gatamu ni amanama. Walumaa gala tti, ijoolleen sodaa fi ogummaa waaqayyo keessatti qabamanii ilaa fi ilaamee dhaan toosifamanii guddatan ofii isaaniif fiixaan ba’umsa argachuu bira darbanii maatii fi lammii isaaniif abdii guddaa ta’u—egerree dhaloota itti anuufis bu’uura jabaa ta’u.

Baaruu Baayisaa, barrefame.