Barsiisa Macaafa Qulqulluu waa'ee gaa'ilaa fi wal hiikuu ilaalchisee

Hii kaa Gaa’ilaa

“Kanafuu dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisaa, hadha manaa isaattii in maxxana, isaanis dhaqna tokko in ta’u” (S.Um. 2:24)

Gaa’illi kan namoota saala garaa garaa gidduutti ta’u, ijaarsa maatii ti. Nammoonni saalli isaanii garaa gara ta’ee lama jaalalaa fi tokkummaan jireenyaa isaanii waliin geggeessuuf kan ijaarratan walitti hidhamuu dhiiraa fi duraba tokkootti. Dubbiin bu’uuraa waa’ee ga’ilaa kan gadi fageessee ibsuu Macaafa Qulqulluu keessaa inni duraa kan argamu Seera Uumama 2:24 irratti. Kuta kana keessattii kan hubannu Waaqayyoo hojii uumuu isaa namaaf gaa’ila dhaabuun xumure. Kana jechuun gaa’illi qulqullaa’aa kan ta’ee akekaa Waaqayyoo isa ulfina qabeessa akka ta’ee hubanna. Hiikaan gaa’ila dhaabame kanaas maal akka ta’e kutaadhuma kana keessatti ibsamee jira. Innis akkas jedha: “Kanafuu dhirri abbaa isaa fi hadha isaa in dhiisaa, haadha manaa isaattii in maxxana, isaanis foon tokko in ta’u”

Sagalee kana keessatti gaa’illi dubbii gurguddaa sadiin ibsame. Tokkoffaa jireenyaa hawasumaa kan ilaaluu maatii ofii dhabbachuuf warra ofii irraa addaan ba’uu, lammaffaa haala dhabbataa ta’een walittii maxxanuu, sadaffaa isa kana lamaan booda kan dhufu waa’ee fooniin yookaan qamaan tokko ta’anii  fedha foonii fi hafuuraa walii guutanii jiraataniitti. Mee isaan sadan kana tokko tokkoon haa illaalu.

Dhiisuu. Akeeki Waaqayyoo kan ga’ilaa sadrakaa duraattii dhiisuu of keessaa qaba. Dhiisuu inni jedhu jechi kun afaan Hibiruutti gadii dhiisuu, ittii hiikamuu yookaan addaan ba’uu  (בזעי  - `azab)  kan jedhuu dha. Akka dubbii kanaatti sadarkaa duraatti gaa’illa daabuun hadhaa fi abbaa ofiittii hiikamu qaba jechuu dha. As keessatti kan nuyi hubachuu qabnnu duubbiin kun waa’ee warra keenya gatuu, irraa of hiikuu otuu hin taane waa’ee jireenya mataa keenyaaf itti gafatamaa fudhannee ijaarrachuu dubbata. Sagaleen Waaqayyoo abbaa fi haadha keenya akka ulfeessinu nutti dubbata (K. Debbi 20:12; Maq. 7:6-13). Kanaaf warraa keenyaa yaaduu dhiisuun dogoggora guddaa dha. Hata’uu iyyuu malee isaan irraa addaan baanee itti gaafatamuummaan jireenyaa keenyaa dhaabbuun akeekaa Waaqayyooti. Kunis gaarummaa keenyaaf ta’e. Ga’eessa taanee jireenya keenya nama jaallannu tokoof laannee, itti gaafatamummaan kan jiraachuu dandeenyu yeroo hidhaa irratti hirkanno maatii jalaa baanuu duwwaa ta’a. Yoo kana hin taanee jireenyi waliin jiraachuun salphaa hin ta’u.  Qalbii fi hafuurri keenya jireenya biraatti hidhamee gartookkee jireenya keenyaan gaa’ila dhaabuu hin dandeenyu. Gaa’illi waa’ee gutummatti wal dhuunfachuuti.

Egaa as keessatti kan huabnnuu gaa’ila dhaabuun adda ba’uu irraa eegala. Dhimmi adda ba’uu kunis itti gaaftama walli keenyaa baachuuf, waliifis jiraachuu, wal dhuunfachuu akka dandeenyuuf kan ta’uu qabuu dha. Gaa’iilli addaan ba’umsaa yookan dhiisuu hin qabne gaa’ila gammachiisa ta’uu hin danda’u. Yaadaa fi jireenya keenya warra keenya,  hadhaa fi abbaa keenyaa, yookaan firoota keenyaan dhuunfatamee otuu jiruu gaa’ila gammachiisaa ijaarrachuun hin danda’amu. Kanaaf sadarkaa duraatti isa kan addaan baafnee beekuun barbaachiss dha. Abbaan manaa fi haati manaa jireenya isaanii keessatti isaan kaan gadii dhiisanii walii isaanii dhuunfachuu yoo hin qabaanne akkaataan waliin jireenyaa rakkisaa ta’a. Kana jechuun itti gaafatama keenyaa fi hariiroo keenyaa gamteessinee qabachuu danda’uun gaa’ila keessatti sadarkaa isa duraatti.

Maxxanuu. Jechi maxanuu jedhuu kun gaa’illi waliitti dhufanii mana dhabuu duwwaa otuu hin taane haala dhabbataa ta’een walitti hidhamuu mul’isa. Jechi kun afaan Hibiruutti (קבדו – dabaq) waliitii maxanuu, cimsanii walitti firoomuu yookaan walitti baquu dubbata.  Fakeenyaaf Ruut No’aamitti maxxanuun ishee (Ruut 1:14) jecha kanaan ibsame. Yammuu jecha kana qorannu kan hubannu gaaillii waa’ee haala dhabbataa ta’e tokkoon dhirri tokkoo fi dubartiin tokkoo waliitti maxxananiiti. Macaafa Qulqulluu iddoo biraattii fakeenyaaf Milkiyaas 2:14 fi Fakeenya 2:17 keessatti gaa’illi walitti maxanuu duwwaa otuu hin taanee, akka inni kakuu ta’es in dubbata. Egaa gaa’illi walitti hidhamuu yookaan maxxanuu nama lamaa kan kakuun eegamee ijaarsa. Jechuun, walitti maxxanni kun kan addaan baafamuu hinmalle hidaa tokkummaa fi kaka jirreenya wallii wajjiniiti.  Gabaabaatti gaa’illi walitti baquu namoota lamaatti. Kanaaf egaa akkuma waanta waliitti baqe yookaan maxxane tookko gargaar basuun kan gargar ba’an irratti miidhama fiduu gaa’illi tokko diigamuun kan itti hirmaatan hundaaf miidhama.

Egaa kana irraa kan hubannu gaa’illi waa’ee waliitii hidhamuuti. As irratti walitti hidhamuun kun kakuun kan eegamuu walitti dhufeenyaa dhabattaa kan ta’e t’uu isaatti. Yoom iyyuu akeeki Waaqayyoo namooti lama walitti dhufuu duwwaa otuu hin taane, walitti maxxananii jireenya isaanii akka waliin dabarsanii dha. Egaa gaa’illii nammi lama fedhaa fi hawwaa garaa garaa jiraachaa turan sana dhiisanii yaada tokko jalatti kan waliitti maxxanan dhaaba maatii tokko ti. Isa kana dagachuun jeequmsa maatii kan fidu keessaa dubbii isa tokko dha. Kanaaf jireenya gaa’ilaa yeroo ijaarrachuuf saganteefannu dubbii kana cimsinee itti yaaduu fi of qopheessuun barbachiisaa dha.

Gudunfaan maxxana kanaa jaalala. Jalala isaa sinsinnii, isa kan ijaa yookaan isaa hawwa mataa isaa hordofu otuu hin taane, jaalala isaa afaan Giriikiitti –agapee- jennuu jaalala dhugaa isaa bu’aa hin shalagne isa sanyii kan Kiristoos sanaa dha (Ef. 5:2).  Gaa’illi bu’aa irratt ijaarame ga’ila otuu hin taane jireenya kontoraataatti. Inni kun immoo faallaa akeekaa fi fedhaa  Waaqayyooti. Gaa’illi kontorata miti. Harraa hawaasi keessa jiraannu yeroo waa’ee fudhaa fi heerumaa yaadnuu waan hundumaa duraa waa’ee bu’aa wali irraa buufannu akka shalagnnuu dhiibbaa nu irratti godha. Akkuma argaa jirru garuu gaa’illi bu’aa fuullefatee ijaaramee uumurii hin qabu. Walii keenyaaf bu’aa ta’uun kan gaaffii hin qabnee waanta gaarii dha. Gaa’illi garuu waa’ee waa wal irraa buufachuu otuu hin taane, akka dhaqana tokkotti waliitti maxxananii waliin buufachuu dha. Akeeki Waaqayyoo isa kana. Kanaaf yeroo gaa’ila dhaabnu dursinee kan gaafachuu qabnuu ofii keenyaa tokkummaa sana keessatti eebba maalii akk finnu ta’uu qaba. Isa kanas otuu kakuu gaa’ilaatti hin seeniin fuulaan walii wajjin qulleessanii mari’achun barbachiisaa dha.

Foon Tokko. Dhaqanna yookaan foon (רשבל – basar) tokko kan inni jedhu kun kan inni mul’isu waa’ee tokkummaa qaamaati. Jechi kun nammii lama kan gaa’ilaan walitti maxxanee qaamaan wal simuu fi tokkummaa fedha foonii isaan gidduu jiru kan ibsuu dha. Kan wal fuudhan qamaan yoo lama ta’an iyyuu yeroo gaa’ilaan walitti hidhaman qamaa fi hafuuraan wal simanii foon tokko ta’u jechuu dha. As irratti kan huabannu gaa’ila tokko keessatti dhiisuu fi walittii maxxanuutti dabalee kan jiruu waa’ee dhaqanna tokko ta’uuti. Kana hubachuun hedduu barbaachisaa dha. Yeroo warra keenyaa dhiifnee walittii maxxannuu waa’ee fedha tokkoon tokkoon keenyaaf itti gaafatamnii walii fudhanna. Qamaan adda adda yoo ta’ame iyyuu waliitti maxxanuu keenyaan foon tokko taana. As irratti foon tokko ta’uun kuun waa’ee dhiigaa otuu hin taane, akka dhaqanna tokkootti fedhaa hafuuraa fi foonii kan walii keenyaa guunnuun qaamaa tokko taana.

Yeroo waa’ee qama tookko ta’uu haasofnu, mana tookko jalatti ijaaramuu du’wwaa otuu hin taane waa’ee fedha walii isa kan uumamaa guutuun maatii qulqullaa’aa fi gammadaa ta’anii fuulaa Waaqayyoo jiraachuuti. Kana jechuun, akuma anii garaa koo isa beela’ee yookaan dheeboteef dhimmamee beela yookaan dheebuu baasee jiraachuu yaaluu,waa’ee fedhaa foonii isa kan walii keenyaaf itti gaafatama qabna jechuu dha. Miidhamuun isa tokkoo isa biraa kakuu sana keessa jiruufis miidhama. Walitti maxxana kana keessaa ala lafitti itti fedhii kun qulqullinaan guutamu hin jiru. Kana hubannee akka qaama tokkootti walii wajjin jiraachuun barbaachisaa dha. Yeroo waa’ee gaa’ilaa yaadnuu isa kanaaf dursine beeknee of qophessuun barbaachisaa dha. Ara’a maatiin heduun kan inni diigamuuf rakinni tokko kana. Haala garaa garaan dhuunfatamnee wal dagachuun, akkasumas fedha isa biraa iddo itti kennuu dhiisuun cubbuu irratti wal kffisuu fida. Feda walii dagachuu fi akka qaama tokkotti wal simanii jiraachuu dadhabuun yeroodhaa yerootti nagaa maatii tokkoo kan booressuu fi bifa hamaa ta’een kan gaa’ila gara diiguutti geessuud dha.  

Karaa biraas yoo ilaalle, qaamaa tookko ta’uu kan ooluu raawwachuun fedha foonii hin jiru (1Qor. 6:16) . Kan gaa’ila keessaa ala adeemee sagaagaluu kakuu isaa fuula Waaqayyootti galee diige duwwaa otuu hin taanee dhaqna kakuu sanaa isa ta’ee isa biraas miidhe malee. Kanaafitu Sagaleen Waaqayyoo gaa’ila keessaa ala fedh foonii raawwachuu cimsee dhowwa.

Egaa kutaa kana keessatti gabaabaatti gaa’illi maal akka ta’e ilaalle. Gabaabaatti gaa’illi wal dhuunfacuu dhirraa tokkoo fi dubartii tokkoo, tokkummaa qamaa fi hafuuraan kan ta’ee ijaarsa qulqullaa’aa dha. Sagaleen Waaqayyoo isa kana nu barsiisa. Qulqullaa’aa kan inni ta’eefis hidhaa kakuu namaa fi namaa akkasumas kakuu namaa fi Waaqa gidduun kan ijaarame, akeeka Waaqayyoo isa dhaabbataa dha.

Wal Hiikuu Kaku Mofaa Keessati

Yeroo nammi cubbuuti kufee eegalee obolaan wal ajjeesuu duwwaa otuu hin taane, maatiin akka qaama tokkootti ijaarame bifa garaa garaan garga diigachuu akka jalqabe seenaa Macaafa Qulqulluu kakuu moofaa keessatti ga’aatti agarra. Seerri wal hiikuu kan Macaafa Kaku Moofaa keessatti arginus kan amma ilaaluuf jennus isuma kana calqissa.

Iddo garaa garaatti kan wal hiikan jiraachuu isaanii Macaafi Qulqulluu Kakuu Moofaa yoo maqaa dha’e iyyuu seerri wal hiikuu mullinatti kan kenname Seera Kessa Deebii 24:1-4 kessatti

Innis akkas jedha “Nammi tokko ergaa nittii fudhee booddee, waanta namatti hin tolle waan irratti argeef itti gamaduu yoo dhaabaate,inni caaffata ittin ishee gad dhiisuu harkati kenneefi mana isaatti habassu” jedha. Kutaa kana yeroo dubifannu kan jalqaba mataa keenyatti dhufu yoo walitti hin gammanne wal hiikuun akka mudaa hin qabneedha. Hata’u malee yaada kana otuu hin jabeeffatin kutaa kana gadi fageenyatti ilaaluun gaariidha.

Kutaan kun kan inni dubbatu waa’e dhaba seera wal hiikuu otuu hin taane, waa’ee dubartii hiikamtee ti. Jechuun kutaan kun wal hiikuuf seera dhaaba otuu hin ta’in, dubartiin abbaa manaa irraa hiikamtee jireenya biraa qabaacaa turte abbaa manaa ishee isa duraatti deebi’uun akka isheef hin taane ibsa. Kana kan hubannu akkaataa seera luugaa jechooti kutaa kana keessatti argaman ittin ijaaraman irraati. Kutaan kun himaa tokkon kan barreeffame waa’ee wal hiikuuf seera kan baasu otuu hin taane, dubartiin abbaa manaa irraa addaan ergaa baate booda jireenya gadi dhiisitti akka hin kuufneef seera ittisaa akka ta’e beektoti Macaafa Qulqulluu irratti walii galu. Seerri kana fakkatu Macaafa Qulqulluu kakuu moofaa keessaa iddo dhuma kana duwwaattis argama.

Kutaa kana keessatti jechi ‘waanta namatti hin tolle’ jedhu [ ערוה , ‛ervâh ] afaan Hibruutti waanta xurii, qullummaa  yookaan yeellaasisaa jechuudha. Waanti xuriin, qullumaan yookaan qaanii kun garuu maal akka ta’ee ifaa wanta hin taaneef hayyooti Macaafa Qulqulluu kan irratti walliif galan hin qaban. ‘Waanti namatti hin tolle’ kun maseenummaa, hirrina qaamaa yookaan waanta yeellaasisaa  isa Seeraa Keessa Deebii 23:14 dubbatame ta’uu danda’a. As irraa wanti hubachuu dandeenyu waanta yeellaasisaan kun akka inni xuraa’ummaa foonii yookaan ejjaa akka hin taaneedha. Sababiin isaas kan ejje  kakuu Moofaa Kessatti in hiikama otuu hin taane, dhagaadhaan rukutamee ajjeefama (S. Leewwii 20:10, S. Keessadeebii 22:22-24)

Dhiirri durba tokko irraa gaa’ila dura durbummaa irraa fudhate ishee irraa durbummaa fudhete fuudhuu seerri isa abbooma (S. K. Deebii 23:28-29)  akkasumas hadha manaa jibuu fi hadheessuun hiikuun akka hin danda’amne seerri dubbata (S. K. Deebii  22:1319). Macaafa Qulqulluu keessa kuta kana duwwaa keessatti kan ‘waanta nama yeellaasisuun’ hadha manaa hiikuun dubbatame.

Hedddun kuta kana akka inni seeraa wal hiikuuf kennameetti fudhatu. Jechi kutaa kana keessa jiru yoo akkas fakkaate iyyuu, yeroo kutaa kana guutummaatti qorannee ilaallu kan inni dubbatu waa’ee wal hiikuu otuu hin taane waa’ee lammata fuudhuuti. Kuta kana keessaati lammata fuuchuun akka ejjaatti ibsame.  Haadha manaa hiikanii ergaa isheen jireenya biraa jiraatte booda deebisanii fuuchuun ejja ta’uu isaa, kanaanis kan of xuureesse “Waaqayyo duratti waanta ciiga’amaa’ akka godhe akeekachiisa. Gaa’illi hidhaa dhabbataa kan abbaa manaa tokkoo fi haadha manaa tokko gidduutti ta’u dhaabaa qulqullaa’aadha. Kana kanaa ala ta’e hundumtuu ejja.

Egaa seerri kun kan kennameef wal hiikuu mijeessuuf otuu hin taane, hawaasa yeroo sana keessatti wal hiikuu fi lammata fuuchuu dhoowwuu fi dadhabsiisuuf kan kenname seera ittisaa ti. Akeeki waaqayyoo gaa’ili akka inni dhaabbataa ta’uudha. Isa kana Yesuus barsiisa isaa keessatti gaaffi namootaa yeroo deebisu akkas jechuun dubbii kana cimssa. “Museen sababii mata jabina keessaniif haadha manaa keessan akka baaftaiif karaa isiniif bane malee, jalqabatti akkas hin ture.” jedha   Qorannaan gaa’ilaa fi wal hiikuu kan Kakuu Moofaa keessatti argnu irraa kan hubannu akeeki gaa’ilaa dhabbataa kan hin geddaramne akka ta’e, walhiikuun garuu mata jabinaa namootaaf badiisaa hawaasaa olchuuf kan kenname seera ittisaa akka ta’eedha.

Iddon biraan kan wal hiikuun akka seeraatti utuu hin ta’in gochaan qajeelaa ta’ee kan barreefame Macaafa Iziraa 10:1-42. Kutaa kana keessatti sabooti Israa’el qomoo biraa wajjin walfuudhuun seeraa Waaqayyo isa ormootaan wal makuu dhowwu (S. Keessa Debii 7:1-3 ) cabsuun cubbuu hojjetan duwwaa otuu hin taane, hawaasi Israa’el gara diigamee eenyumaan isaa yeroo kuufaatii hamaa keessa galetti ture. Eziraan akka geggessaatti, raajitti akkasumas lubaatti badii Sabaa Israa’el oolchuuf yeroo inni kufee Waaqayyoon kadhatee sabaa isaa didhu kan dubartoota ormaa fuudhaan hunduu qalbii jijjiratanii dubartootaa ormaa of irraa adeemsisuuf murteefatan.

Kan hubachuu qabnu Macaafi Iziraa kana haala isaa keessatti dubbisuu dagachuu hin qabnu. Raajiin milkiyaas waa’ee sabooti Isiraa’el dubartootaa oromaa fuudhaan akksas jedhee dubbata: “Israa’elii fi Yerusaalem keessatti waanta ciigaasisaatu hojjetame, namoonni Yihuudaa dubartoota Waaqayyoolii ormaa fudhaii iddoo qulqullaa’aa Waaqayyo jaallatu sana xuureessani.”  Kakuu moofaa keesatti ormoota kan Waaqayyoon hin beekne fuudhuun cubbuudha.  Iziraan seeraa walhiikuu kennee otuu hin ta’in saba Israa’el isa seeraa Waaqayyoo cabsee ormootatti makamuun Waaqayyo irraa fagaate deebisee gadi dhaabuuf, akasumas kakuu Waaqayyootti isaan deebisuuf kan inni godheedha. Kanaaf kutaan kun barsiisa walhiikuu kamufuu akka seeraatti ilaachisa yookaan bu’uura ta’uu hin danda’au.

Waaqayyoos walhiikuu hin jaallatu. Isa kana Macaafa Milkiyaas 2:13-16 arginna. Waaqayyo karaa raajii Milkiyaas waa’e wal hiikuu akkas jedha: “ Nammi hadha manaa isaa gad dhiisuun humnaan ishee irratti ka’uu akka uffataatti uffachuu isaan waan ta’uuf, waanta akkasii bayyisee nan jibba kanaafis isin jireenya keessan eegadhaa,  amananummaas hin dhabinaa”  As irraa kan hubannu S. Keessa deebii 24:1-4 aggarre kanaan ala wal hiikuun kakuu moofaa keessatti walumaa galatti fudhatamaa hin turre.

Barsiisa Gooftaa Yesuus

Wangeelota keessatti Yesuus waa’ee gaa’ilaa yeroo inni dubbatu iddo afurotti argina, isaan keessa lama waa’ee wal hiikuuti. Waa’een wal hikuu kan argamuu Matt. 19:1-12, Maarqos 10:1-12, kaan immoo duuchaatti waa’ee  gaa’ila ilaalan Matt. 5:31-32, Luq. 16:18. Waa’ee gaa’ilaa fi wal hiikuu irratti barsiisa Yesuus hubachuuf isaan kana isaan kana arfaan gadi fageessinee ilaaluun keenya gaarii dha.

1. Mattiwoos 5:31-32. “Nammi haadha manaa isaa baasu caaffata ittin ishee baasuu haakennuuf jedhameera. Ani garuu isinittan himaa, yoo isheen ejjite malee nammi haadha manaa isaa baasu, akka isheen ejjitu in godha; nami dubartii gadi dhifamte fuudhus in ejja.”

Lallaba gaararraa isa jedhame beekamu kana geessatti Yesuus waa’ee wal hiikuu hadha manaa fi abbaa manaa qajeelaa akka hin taane, fedha Waaqayyoo keessa ala ta’uu isaa dubbata. Haadha manaa ofii hiikuun maatii diiguu duwwaa otuu hin taanne, ejjaa fi xuraa’ummaatti dabrsanii wal kennuu akka ta’ee dha.

Yeroo Yesuus barsiisa kana barsiisaa turetti jireenyi amantii fi safuun hawaasa Israa’el lafaa ture. Kessaa iyyuu abboti amantii hubee hiikaa S. Keessa Deebii 24:1 irratti iddoo lamatti goodamanii turan. Warri barsiisa Hayyuu Shammai jedhamu hordofan barsiisaa gaa’ilaa fi wal hiikuu laalchisee kessaa iyyuu jecha ‘waanta namatti hin tolle’ (ערוה   = ‛ervâh) jedhuu gara xuraawmmaa yookaan ejjatti yeroo hiikan warrii Hayyuu Hillel hordofan immii jecha kana duuchadhumatti waanta namatti hintollee hundumaa jechuutti hiiku turan. Fakeenyaaf dubartiin nyaata abbaa manaa ishee yoo gubdee akka barsiisa isaanii kanatti wal hiikuuf sababii ga’aa ta’a ture.
As keessatti Yesuus isa sila S. Keessa Deebii 24:1, dubbatamee alaa seeraa haaraa baase yookaan wal hiikuun  bifa kamiinuu qajeelaa ta’uu isaa mirkaneesse otuu hin taane, ilaalcha olotti ilaalle yeroo sana hawaasicha keessa waan beekuuf wal hiikuun kan seerri dubbatuu alattii akka hin taane cimsee akeekachiisuu isaatti. Akka olitti ilaalle S. Keessa Deebii 24:1, wal hiikuuf seeraa dhabaa otuu hin taane, dubartiin tokko akka male akka hin hadheefamneef seera ittisaati. Kana jechuun egaa as irrattis Yesuus dubiidhuma kana cimssa.
Kutaa kana keessatti jecha ‘ejjite malee’ jedhuu yoo ilaalle gaarii ta’a. Jechi ‘ejjite’ jedhmee hiikame kun afaan Griikiitti   πορνεία  (porneia) isa jedhu yeroo ta’uu, hiiki isaa duuchaatti ejjaa duwwaa otuu hin taane jireenyaa sagaagalummaa cimsee kan ibsuudha. Kana jechuun gaa’ilaa alattii walquunamttii foonii ta’uu isaa dubartii tokkoo sagaagaltu godhuu, jreenyaa xuraa’ummaati. 
As irratti kan hubannuu gaa’ilaa ala deemuutu sagaagaltuu nama godhaa duwwaa otuu hin taane, hadha manaa ofii hiikuunis yakkaa guddaa akka ta’ee, hadha manaa ofii ejjatti dabarsanii kunnuu akka ta’ee dha. Kana hundumaa irraa kan hubannuu hiikuun qajeelaa akka hin taane qofa.

2. Mattiwoos 19:1-12 , Marqos 10:1-12, Luq. 16:18 Kutaa kana keessatti kan arginuu Fariisoti gara yesuus dhufanii waa’ee wal hiikuu abbaa manaa fi haadha manaa gaafachuu isaa hubanna. Gaafii isaanii kana irraa ka’uun Yesuus waa’ee wal hikkuu kutaa kana keessaati akka sirrii hin taane barsiisa. Gaaffii Fariisotaa isaa “Nammi tokko sababiidhuma halleen haadha manaa isaa baasuun seeraa?” jedhu iraa kan hubannuu waa tokko. Innis warrii gaaffi kana gaafatan gartuu  Hillel yookaan Shammia kessaa kan ta’an ejjennaa Yesuus hubachuu kan barbaadan akka ta’anii dha.

Deebii isaa kessatti Yesuus gaa’ill dubartii tokko fi dhiira tokko gidduutti kan dhaabamuu dhaaba qulqulla’aa kan eenyu iyuu gargar baasuu hin mallee akka ta’ee S. Umamaa 1:27, 2:24 irraatti hundaa’uun gati jabinaa gaa’illaa ibse. Yeroo warri Fariisotaa sun S. Keessa Deebii 24:1, kan olitti ilaalle tuqanii “ Yoos Museen, ‘Caaffata ittin ishee baasuu kneefi haa baasuu’ jedhe maaliif abboome ree?” jedhanii isa gaafatan, deebiin Yesuus seerri kun kan kenname mata jabina Isaaniif malee gaa’ila gargar diiguun fedha Waaqayyoo isa ganamaaa akka hin taane ibssa. “ Museen mata jabina keessaniif haadha manaa keessan akka isin baaftaniif karaa isniif bane malee, jalqabatti akkas hin turre.” Isa jedhu irraa kana hubanna.

Wal hiikuun, akka barsiisaa Yesuus kanattii, fedhaa Waaqayyoo kan hin taane akka ta’e, seerri Musee innii S. Keessa Deebii 24:1, irratti dubatamee Waaqayyoo yaadaa isaa waa’ee gaa’ilaa geddaratee otuu hin taane, cubuu namootaa irraa kan ka’e akka seeraa ittisaatti kan kenname akka ta’e ibsa. Kan nu yaadachuu qabnnu Mattiwoos 19:1-12 fi Marqos 10:1-12 gaaffi dhuma tookko waa’ee wal hiikuu kan deebisan yeroo ta’aan, ‘yoo ejjitee’ kan jedhu kan Mat. 19 : 9 irratti agaruu Maq. 10: 11 irraatti hin agarru. Kunis kan mullisu dubbiin Yesuus kun ijoon isaa kan jiruu waa’ee wal hiikuu yookan sababa wal hiikuuf malu mulli’issuu irra wal hii hiikuun duuchaatti qajeelaa akka hin taanee ibsuu irra. 
Macaa fi qulqulluun iddoo itti wal mormu hin qabu, Yesuusis seera kaasuuf hin dhufnne seericha jabeesuuf malee. Kanaaf egaa yeroo waa’e wal hiikuu haasofnnu isa kana tooraan hubachuun barbaachisaa dh.

Gaaffi waa’ee lamata fuuchuu


Yesuus waa’ee lammata fuuchuuf seera inni dhaabe hin jiru. Matt. 5:31-32, Matt. 19:9, Mrk. 10:12-12, Luq. 16:18 qorree yoo ilaalle kan inni dubbatu wal hiikuun, ‘ejjaa irraa kan hafe, akka qajeelaa hin taane, akkasumas kan haadha manaa hiikuu yookaan kan hiikamte tokko deebisee fuudhu akka ejjatti akka ilaalamu barsiisa. Heduun kutaa kana keessatti isa ‘yoo ejjete malee’ jedhuu irraa hadha manaa lammata fuuchuun hin danda’ama kan jedhuu hiikuu yoo yaalan iyyuu afaan Yesuus irraa kan dhageenyu waa tokko hin jiru. Phaa’ulosi kan 1Qor. 7:10-16 kessattii waa kana ilaalchisee kan dubbatu, isa garuu bodda itti dhufnna. Gabaabaatti afaan Yesuus irraa waanti kan dhageenyuu nammi tokkoo hadha manaa isaa hiikee hadhamanaa biraa fuchuun, akkasumas dubartiin tokkoo abbaa manaa ishee hittee abbaa manaa biraa fuuchuun qajeelaa akka hin taanee dha( Maq. 10:10-12) 
Barsiisa Phaawuloos

1Qor. 7:10-16 Phaawuloos ergaa isaa gara warra Qoronxoos kana keesstti gaa’ila kiristiyaanotaa gaarii godhee ibssa. Jecha Kiristoos tuquun akkas jedha: Warra wal fuudhan akka gargar hin bane nan abbooma; kanas gooftatu abboome malee ana miti;  ati manaa abbaa mnaa isheetti gargar hin ba’iin! Yoo abbaa manaa isheetti gargar baate garuu utuu hin heerumin haa teessu yookii immoo abbaa manaa isheetti  haa araaramtu; habban manaas haadha manaa isaa hin basin”

Kutaa kana keessatti waa’een wal hiikuu fi heeruma lammataa ifaatti yoo tokko malee ga’aatti ibsame. Phaawulos dubbii isaa kana keessatti ‘nan abboomaa’ sagalee jedhuutti dhimma ba’a. Kans kan godhuuf ogummaa isaa iraa ka’ee otuu hin ta’in Kiristoos waan jedheefi. Yeroo waa’ee amantoota warra wal hiikanii dubbatu filannaan saan qaban waa lama qofa akka ta’e himma. Isaan kunis ergaa wal hiikanii boodaa lammata heerumuu yookaan fudhuu irraa of qustanii leexaa ofii jiraachuu yookaan immoo nagaa buusuun akka walitti deebi’anii dha.  As keessatti Phaawulos yoo dhaaf iddoo hin dhiifnne.

Kutaa kana irraa kan hubannuu wal hiikuun kiristiyaanotaaf filannaa ta’uu akka hin dandeenye dha. Lakkoobsa kudhaa lamaa eegalee Phaawuloos yeroo waa’ee gaa’ila nama anamanaa tokkoof hin amannee gidduu jiru irratti yeroo dubbatatu yaaduma kana cimssa. Hata’u malee biyyi lafaa inni cubutti kufee Waaqayyoon hin beeknee fedhaa Waaqayyoo eeguu fi beekuutti akuma hin dhimanee, gaa’ila keessaa amanaa kan hin ta’in tokkoo wal hiikuu yeroo filatuu inni amanaan hidhata gaa’ilaa sanattii akka furamuu dubbata. Kana jechuun inni amanaan sun hidhaaa kakuu gaa’ilaa sanattii gochaa nama isa hin amanne sannaa irraa kan ka’e furameera jechuu dha.

Gaaffin yaada kana booda dhufu nammi akkasitti abbaa manaa isaa yookaan haadha manaa isaatti hiikame deebi’ee fuudhuu in danda’aa? Phaawuloos ifaattii waa’ee fuudha lammataa kan Kiristiyaanotaa hin dubbatus hin dhowwus. Hata’u malee akka  Romee 7:2 fi 1Qor 7:27, 39 irraa hubannuttii nammi hidhaa gaa’ilaattii hiikamee fuudhuuf yookan herumuuf eeyyee akka qabu dha. Kunis kan ta’uu danda’uu yeroo inni hin amannee tokkoo fedhaa isatiin gaa’ila sanatti of hiiku inn amanaan akka inni gaa’ila deebisee ijaarrachuu danda’uu jecha Phaawuloos isa ‘hidhaa gaa’ilaattii hikamuu isaati’ 1Qor. 7:15 jedhu irraa hubanna. Akkasumas yeroo gaa’ila dhabbate jiru keessaa inni tokko du’uu inni jreenyatti hafee gaa’ila dhaabachuu akka danda’uu Phaawuloos Roomee 7:2 fi 1Qor 7:39 keessatti ibsa.


Yaadaa Guduunfaa

1.    Waaqayyoo yeroo gaa’ila dhaabe , akeekisaa gaa’illii dhiira tokkoo fi bubara tokko gidduu jirru akka inni dhabbataa ta’uufi. Gaailli nama lama qaamaa tokkoo fi foon tokko kan godhuu isa sadaafaaf iddoo kan hin qabnne dhaabaa qulqullaa’aa kan eenyu iyyuu gargar baasuun hin taanee dha.

Gaa’ilaan walitti hidhammuun dhiira tokkoo fi hadha maaa tokkoo fedhaa namooaa sanaa duwwaan kan ta’ee jireenyaa hawasummaa duwwaa otuu hin tane dhaabaa Waaqayyoo ti. Kanaaf warrii wal fuudhan lamaan kan ittiin walitti hidhaman kakuu amanamummaagidduu isaanitti ta’e qofaan otuu hin ta’iin kakuu amanamummaa Waaqayyof godhaniinisii dha. Akkuma kakuun Waaqayyoof Israa’el gidduu jiru dhuunfaa isaanii lamaan kan ta’ee eenyu iyyuu gidduu seenuu kan hin dandeenye qulqullinatti eegamuu kan qabu akkuma ta’e gaa’illii dhiira tokkoo fi dubara tokko gidduutti uumamaa kakuu waliif akkasumas Waaqayyo godhaniin amanamummaa fi itti cicuun kan eegamuu malee dha.

2.    Wal hiikuun dhaaba Waaqayyoo isaa qulqulluu  ta’e diiguu fi fedha Waaqayyoo isa ganamaan kan mormuu dha. Waqayyoo seeraa wal hiikuu hin dhaabnne. Wal hiikuu kan dhalate ergaa nammii cubbuutti kufe as kan dhufe, bu’aa cubbuu namaatti. Sagaleen Waaqayyo kan jedhu kennamii wal hiikuuf  kan ta’ee mataa jabina namaa irraa kan ka’e malee akeeka Waaqayyo akka hin taane addeessa. Sagaleen Waaqyyoo kan gorsuu kan gaa’ila dhaaban hunduu akka akeeka Waaqayyoo ganamaatti amaamummaa fi dudhamaan akka jiraatanii dha.
3.    Kan haadha manaa isaa yookaan abbaa amanaa isaa hikuu ejjatti dabarsanii wal kennuu cubbuu akka ta’e sagaleen Waaqayyoo dbbata. Akkasumas kan kan isaa baasee biraa fuudhuu ejja godhe.  Abbaa manaa ofii yookaan haadha manaa ofii of irraa baasuun akka sagalaa Waaqayyootti fedha Waaqayyoon kan mormu ta’uu isaa macaafi qulquluun bifa garaa garaatiin nuttu dubbatu. ‘Ejjaa iraa kan hafe’ jechi jedh kan kakuu moofaan ta’e kan kakuu haaraa, yoo haala yeroo sanakeessatti ilaalle kan inni cimsee dubbatuu waa’ee kan ejjite haadha manaa ofii yookaan kan ejje abbaa manaa ofii hiikuuf kennamii wal hiikuu out hin ta’in wal hiikuun fuula Waaqayyootti qajeelaa akka hin taane kan ibsuu dha.

4.    Yeroo gaa’ila keessa inni tokko ejjuu, amanamummaa dhabuu isaa irraa kan ka’e kakuu hidhaa gaa’ilaa sanaa waan cabseef inni miidhame gorsaa seeraa barbaaduu fi lammata fuuchuuf eeyyee qaba. Kun garuu abboommii miti. Kiristiyaanotti waliif dhiisanii qalbii jijjiratanii waliin jirachuutu irraa eegama.   Egaa ejje nama sadaffaa gaa’ila qulqullaa’aa keessa waan fiduuf, akeeka Waaqayyoo ganamaas waan diigeef eeyeen wal hiikuu kun akka seera ittisaatti kenname. Jechuun nama isa miidhame sana ba’aa cubbuu jalaa oolchuuf. Gaa’ila keessatti cubbutti kufuun wal mufachuun kan hin oollee dha, cubbuuttu kuufuu fi wal mufachuun hundumtuu garuu wal hiikuuf bu’uura ta’uu hin danda’an. Yesuus irraa kan dhageenyu ejjaa qofaatu wal hiikuuf bu’uura ta’uu danda’a. Hata’u iyyuu malee kan hundumaa dursu araaraa. Jaalalli cubbuu hundumaa dhossa, akkauma Kiristoos cubbuu keenya nuuf dhiisee jireenyaa dhifamatti nuu waame mudaan gaa’ilaa keessatti argameef waliif dhiisuu fi qalbii jijjiirachuun isa cabee deebisanii iajaaruun  hundumaa durssa.

5.    Yeroo gaa’ila keessa inni tokkoo eejja irraa qalbii jijjirachuu didu, yookaan inni tokkoo gaa’ila ijaarame ofiin dhiisee ba’u deebi’ee nagaa buusudhaafis gorsa maatii yookaan jaarsolii waldaa fudhachuu diduutti rincicu,  inni miidhame gaa’ila sila diigameef gorsa seeraa barbaadachuun mirga isaati. Kennami kun kan dhufu barsiisa Phaa’wuloos gaa’ila amanaa fi amanaa hin taane gidduutti dhalattuuf gorse kenne irraati. Egaa inni kun akka ta’uuf gaa’illi ijaarame sun gargar diigamuun isaa addaan kan ba’e,  jireenyi gaa’ila keessa jirus kan cite ta’uun isaa duwwaa otuu in taane walitti deebi’uuf tasa abdiin yoo hin jiraanne qofa. Warrii kaa’ila rakkina akkasii gorsan isa kana addaan baasii bekuu fi hubachuun barbaachisaa dha.

6.    Amanaan duubbii Sagalee Waaqyyoo ala hiikee fi akkasumas deebisee fudhee kan gorsamu fi simuun waldaa Kristiyaanaan ta’uuf sagalaa Waaqayyo olitti ilaalle ala ta’uu hin danda’u. Kanaaf qusii tokko malee lubi waldaa namoota akkasii kan gurmuu kirstiyaanaa keessa jiraan wajjin haasa’uu fi Sagalee Waaqayyoon isaa didhuun barbaachisaa dha. Kunis kan ta’uuf nagaa fi dhuga baatummaa gurmuu Kiristiyaanoota sana eeguuf kan ta’uu dha. Kana jechuun fedha isaaniin sabab ga’aa hin taaneen amantooti gaa’ila diigan cubuu isaaniif gara qalbii jijjiranaatti dhufuu qabu. Qalbii jijjiranaan sun garuu gaa’ila isa lammata ijaarame sana diiguu ta’uu hin qabu. Bifa kamiinuu gaa’ila diiguun fuula Waaqayyootti cubbuu dha.  Gara jabinaa cubbuun gaa’illi dhaabbate gaa’ila ta’uun isaa hin olluu, naamooti gaa’ila kana dhaaban garuu kana gochuu isaaniin akka Waaqayyon yakkan Sagaleen Waaqayyoo dubbta. Fekeenyaaf kakuu moofaa keessatti kan seera malee durba tokko ulfeesse akka  wal fuudhanii abbaa manaa fi haadha manaa ta’an seerri isaan abbooma. (S. Keessa Deebii 22:28-29) Kanaaf haalli akkasii yeroo waldaa keessatti dhalatuu hubannaa sagalee Waqayoon qabuun  barbachissa dha.

7.    Kan sababa Sagalee Waaqayyoo irratti hin hundoofneen haadha manaa isaa yookaan abbaa manaa isaa hiikee lammata fuuchuuf eebba Waldaa barbaaduus sagalee Waqayyoo olitti ilaalle keesatti ilaalamuu qaba. Hundumaa duraa hiikaa gaa’ela dura ta’ee qorachuun, gartuu gaa’ila sana keesa jiran haasofsiisuun barbaachiss ta’a. Duuchaattii eebbaa dhowwachuu yookaan eebba kennuuf murteessuu dura sagaleen Waaqayyoon gorfamuu fi ilaalamuun barbaachisaa ta’a. Gorfamuu fi sagalee Waaqayyoon didhamuu sana boda gaabbii fi qalbii jijjiranaan yoo jiraatee eebba Waldaa dhowwachuun qajeelaa hin ta’u. Galbii jijjirannaa fi gaabiin akka ta’e garuu, eebba Waldaa sana duraa gurmuu amantootaaf dhugaa ba’uun barbaachisaa dha.

8.    Kan nuti dagachuu hin qabnnee lafaa qalbii jijjiirranaan fi gaabbiin jiru, cubbuun isaa hammam haa hammatu iyyuu male, karaa gochaa Kirstoos dhiifama argachuun jira(1Qor. 6:9-11). Waldaan kiristiyaanaa jireenyaa fi dhuga ba’umsaa ishee eegachuuf dhiifama karaa Kiristoos argamuuf dangaa kaa’uun dogoggora gudaadha. Sagaleen Waaqayoo “ lafa irra daddarbaan baayatettii ayyaanni waaqayoo baayyate” jedha (Rom. 5:20). Kun garuu cubbuu ija jabinaa kamiifuu karaa banuu hin qabuu. Kan cubbuu ija jabinaa godhuus amanaa miti, maatii Waaqayyoo keessaas qooda hin qabu.

9.    Waldaan kiristaanaas ta’e lubi Waldaa gaa’ila ijaaruu, kan diigame immoo walitti deebisuuf Sagalee Waaqayyoon gorsuu fi jajjabeesuu, isa ijaaremee jirummuu tiksuu irraa kan hafe wal hiikuuf jaarsummaa taa’uu hindandeessu, lubichis bifa kamiinuu akka wal hiikaniif grsuu yookaan yaada kennuu hin danda’u.  Qoodi waldaa fi hojiin Lubaa fedhaa Waaqayyoo dhugaa ba’uu dha. Namooti lamaa rakkinaa garaa garaan gaa’ila isaanii diiguuf yeroo murteefatan gorsa seeraa barbaadachuu fi akka seera biyyaachtti raawatachuun dhimma isanitti. Isa kana waldaan yokaan Lubi waldichaa Sagale Waaqayyoon gorsuu fi jajjabeessu irraa kan hafe halaa nagaa hin qabnne yookaa lollaa fii qocolloo jabaan jiruu keessattii egannaa guddaa gochuun barbaachiss dha.

Rev. Dr. Gemechu Olana

 
  • 0
prev
next

Bartoota gooftaa Yesus ta’uun isatti qa

News image

  "Waana isin abboome yoo goottan isin firoota kooti" Yohn. 15:14 Lakkoobsa kana duraa Gooftaan Yesuus waa'ee ija godhachuu dubbata. Inni kan jedhuu, nammii gooftaa Yesuusitti qabamaee jiraatuu ijaa gaarii isaa Yesuus ...

Read more

'Aduun Qajeelummaa Siif In Ba’a'

News image

“Isin warra maqaa koo sodaattaniif garuu aduun qajeelummaa inni qarrii isaa fayyina of keessaa qabu isiniif in ba’a..” Milk. 4:2Rajichi Milkiyaas dhaloota gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos dursee bareefama isaa gara ...

Read more

Easter Holiday: a Reminder of God’s Fait

News image

Easter is not one of the Holy days, but the epic of all Holy days that portrays God’s unconditional love fully expressed  at the expense of his suffering accepts the ...

Read more

Addadummaa Wangelaa fi Amantii Abboota K

News image

Yeroo tookko name tokko waa tookko nagaafate. Gaaffin isaa tarii kan  hedduun Kenya gaafanne turre yookaan gafachaa jiruudha. Innis waa’ee garaa garummaa amantii abbota keenya durii fi ...

Read more

Tear Down This Wall and Build Bridges:

News image

Without any doubt it is time for all of us to tear down walls, fortresses and forts and start building bridges of relationships, friendships and nationhood.  Every time walls and ...

Read more

Hariiroo Wangeelaa fi adaa gidduu jiru

News image

Hariiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru mali? Amanaan tokko amantii isaa fi jirenya hawaasaa kessaa iyyuu safuu fi duudhaa garaa garaa hawaasichi qabu akkamitti waliin firmoosee jiraachuu danda’a? Aamanaan tokko ...

Read more
NewsFlash
Birmaduu Event LiveCast

Click here to go the live videoYeroodhaa yeroottii tajaajila fi yaaroo hafuuraa garaa garaa kan Waldoota Afaan Oromoo 'Live' tamsaasna. Amma yeroo kana 'add' tokko malee dabarsuu yaalaa jiirra, yoo itti gammaddan nu gargaaruuf of hin qusatina.

Waa'ee tajajila akanaaa yaadaa keessan nuu hiraa. Akeeki isaa hundumtuu Wangeela Birmaduu Kan Gooftaa Yesuus dangaa tokko malee akka dhaga'uu dha.


We  streams live and on demand conferences, gospel songs, short devotions and readings in Afaan oromo. For any question please use our contact on this site.