• Home
  • About
  • Articles
  • Media
  • 4Kids
  • Services
  • My Account

BIRMADUU MEDIA

GOSPEL BROADCASTING NETWORK
Main Menu
  • Home
  • About
  • Articles
  • Media
  • 4Kids
  • Services
  • My Account
Other Menu
  • Register
  • Contact
  • Login Form
  • Search
  • Afaan Oromoon
  • Live Streaming

Kitaabaa Haraa: Barsiisa Afaan Oromoo

PDF | Print | E-mail

Manni maxxansaa Oromiyaa kitaabota “Jalqaba Barsiisa Afaan Oromoo” bara 1894 Onesmoos Nasiibii/ Abbaa Gammachiisiin barreeffamee Mana maxxansaa warra Misi’onii Siwudiniin maxxanfamee turee fi waggaa 115 booda Abbaa Caalaa Lataan qubee afaan Oromootti geeddaramee jiru maxxansiisee gabaa irraa ollcheera. 

Barsiisa Afaan Oromoo: 1894 - Onesimos Nasib

 

Kitaabni kun jechoota Oromoo hima 2-6 qaban kuma shanii ol (5000) qabatee jira. Itti dabalees barreeffamoota gaggabaaboo; Haasaa Oromoo, Mammaaksa durii, Weedduu jaalalaa, haasaa fakkeenyaa, ururuu, weedduu ateetee,weedduu tiksituu, Hibboo, Haasaa ijoollee, weedduu Heerumaa, faarsaa gootaa, sagada Oromo, fi baarreeffamoota gaggabaabaa baayyee of keessatti qabatee kan jiruu dha. Kitaabni kun aadaa fi ogbarruun Oromoo waggaaoota 115 dura bifa kanaan ture guddinni isaa ykn boodatti harkifannaan isaa maal akka fakkaatu kana agarsiisuudha. Irra darbees barreesseen kitaaba kanaa Abbaa Gammachiis/Onesmos Nasiib bu’ura waldaa warra wangeelaa Afaan Oromoof nama duraa ta’ee osoo jiruu kitaaba dhimma aadaa Oromoo gad fageenyaan calaqqisiisu akkasii barreessee maxxansiisuun isaa amantoota Oromoo garii amantii gola godhachuu barbaadaniif barnoota gaarii kan kennuufiidha. Itti dabalees kitaabni kun deemsa guddina afaan Oromoo keessatti hirmaannaa guddaa qaba. Jalqaba barsiisa afaan Oromoo Onesmos Nasiib/Abbaa gammachiisii fi Aster Gannoon Jalqabaaf bara 1894 Swidish Mission Press kan jedhamaniin magaala Monkulloo kan Mutshuwwaa bira jirutti maxxanfame.

Waggaa 115 booda Abbaa C. Lataan qubee afaan Oromootti geeddaramee mana maxxansaa Oromiyaa maxxanfame. Fuula: 176 Gatii; $USA 15.00 ISBN: 978-0-9797966-3-0
 
HUBACHISA :kitabaa Abbaa Gammachiisii kanaa walidoon rabsuu dhaf ammantotaaf ga'uu fetaan kara lakoba bilbilaa armaan gadii jiruuf e-maila kenya  yoo nuqunamtaan isin ni qaqabsifna, mana maxxansaa Oromiyaa.
Daraaraa Mati 404-322-8483        This e-mail address is being protected from spambots. You need JavaScript enabled to view it
Eebbaa Getachoo 202-486-3787  This e-mail address is being protected from spambots. You need JavaScript enabled to view it

 

Copyright © 2010 Birmaduu Gospel Media.
All Rights Reserved.

Designed by BIRMADUU MEDIA.