Ibsaa kee Ol Kaasii Ibsadhu
“Namoonni hojii kee isa gaarii arganii abbaa keessan isa Waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanatti namoota duratti haa’ifu!”
Mat. 5:16
Nuti ijoollee tasaa miti
Waaqayyo akeekaan jireenya biyya lafaa kana keessa nu kaa’e. Jireenyi ilma namaa tasa hiiika tokko malee ardii kana irra hin kayyamne. Macaafa Qulqulluu irraa akkas jedha; “Ani Waaqayyo kanan si uume, gadameessa haadha kee keessatti kanan si tolche, kanan si gargaarus…” (Isa. 44:2). Akka dubbii kanaatti as dhufaatiin keenya Waaqayyo biraati. Jechuun, tasuma akka waakkoo lafa kana irratti margine otuu hin ta’in, Waaqayyotu akeeka tokkoof yaadee bareechee akka bifa isaatii fi fakeenyaa isaatti nu uummate. (Seera Umamaa 1:2). Akeeki isaas akka namni bifaa fi fakkaatti Waaqayyoo uffate kun gabaabatti itti gaafatamuumaan lafa kana guutuu fi fedha Waaqayyoo tajaajiluuf. Egaa jireenyi tokkoon tokkon keenyaa Waaqayyo duratti gati jabeessa, darbees hiikaa fi kaayyoo qaba. Tarii yeroo garaa garaatti shaakalli nuti qabnu, kan naannoon keenya nutti himus jireenyi keenya kan hiika hin qabne itti galliin isaa kan hin beekamne nutti fakkeessuu danda’a ta’a. Biyyi lafaa kan cubbuun mo’ame, yoom iyyuu gara badiisaa, gara hirrina hundumaatti nu ofuu irraa of hin qusatu. Nutis yoo dhubbii kana dhugeefane, jireenya akeekaa fi kallattii hin qabneen oofamna taane, hammam Waaqayyo irraa fagaannee akka baajajaa jirru nu agarsiisa.
Nuti gatti jabeyyidha
Waaqayyo waa’een keenya ka isa dhibu, yeroo nuti ilami namaa irraa baqannee cubbuun iji keenya jaamaa dukkana jireenyaa keessa jooraa turre, otuu akka ilmaan badiisaatti nu hin lakkaa’in nu barbaacha gara keenya dhufe. Laaqii fi dhibee keenya hundumaatti hirmaachuun ol kaasee nu dhaabe. Tarii dubbii kana yoon fakeenyaa ibse gaarii ta’a. Aantee keenya ka caffeen nyaate tokko, yoo furuu feene caficha wajiniin laqnee olfanna malee, alaala dhaabannee hidhii hin xuunnu. Waaqayyo akkasuma nu ijoolee uumaa harka isaa caffee cubbu fi badiisaa keessa nu olfachuuf ofii isaati gadi dhufee dhiphina keenyatti hirmaatee. Akka kanatti egaa Waaqayyo harka keenya nu qabee nu fure, birmaduu guutuu nu baasse. Kanaaf ara’a hundumti keenyaa gammachuun sirbinee farsinaa, Waaqayyonis galateefanna. Foramuun keenya garu dhuma fayyisuu Waaqayyoo miti. Fayyini keenyaa Waaqayyotti deebi’uun keenyaa duwwaan xumurama otuu hin ta’in dhugaattii kallattiin waaqayyoo wajjin, amantiin abdii fayyisuu, birmaduu fi jaalala dhugaan guututti deddebi’uu dha. Kunis nuuf jireenya biyyaa lafaaf immo dhuga ba’umsa ka garaa Waaqayyoo isa jirenyaa nuuf kenne agarsiisiidha.
Nuti Sogiddaa lafaa fi ijoollee ifaati
Waaqayyo inni dhugaa ta’e, inni ifa hundumaa ta’e, dhugaa fi ifaa isaa gutuun gara keenya dhufe jireenya dukkana keessa gara ifaa fi jireenya araaratti nu bafate. Torban kana boodaa yeroon jiru akka amala biyya kanaatti yeroo itti Waa’ee dhalchuu gooftaa keenya Yesus Kiristoos ayyaanefannuudha. Yeroo kana akkuma arginu yeroo ifaati. Kun tasuma wanta ta’e miti. Kan inni dhugaa ba’u ifti gara ilmaan namootaa dhufuu isaati. Sagaleen Waaqayyoo waa’eedhufaatii Yesuus yeroo dubbatu, “ Sabini dukkana keessa jiraate ifa guddaa isaa arge, warri gooftummaa du’aa jala jiraataniifis ifni ba’ee”jedha. (Isa.42:6, Mat 4:16) Ifti kun kara keenya dhufuun egaa hedduun keenya ka ar’a gooftummaa du’aa, gooftummaa gadantummaa, gooftummaa sodaa, gooftummaa cubbuu, fi kkf jalaa baanee birmaduun abdii Waaqayyootti qabamnee jiraannu. Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisuun oftii nu qabate duwwaa otuu hin taane ijoollee ifaa nu godhate. Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha; “Ani saba koo warra hin ta’iniif ibsaa, fayyinas gara biyya lafaa hundumaan akka geessitus si godheera” jedha. (H.Erg. 14:47, hiika GO) Kanaafitu gooftaa kenyaa Yesuus Kiristoos “Isin soogidda lafaa ti… Isin ifa biyya lafaati” nun jedha. (Matt. 5:14). Waaqayyoon haagalatu ! Nuti ijoollee tasaa ka jireenyi keenya hiika hin qabnne, ka kaayyoo fi maa’ii hin baafne miti. Nuti ijoollee Waaqayyoo isa hundumtu keessaa madde dhimmaa ol aanaa maa’essuuf as lafa kana irraa kayamneedha.
Nuti soogidda biyya lafaati. Jireenya, abdii, birmaduu, qajeelummaa, nagaa fi jaalala karaa kiristoos badhaafamnetti qabamnee jiraachuun biyya lafaa, naannoo keenyaa, jireeenya obbollota kenyaa fi hawwasi keenya motummaa du’aa jalatti kufee tortoree akka hin banneef soogiddessuu fi haaressuuf Waaqayyoo akeekaan ofitti nu qabate. Darbees ibsaa jireenyaa, ka inni araara isaatiin laphee keenya keessa nuuf kaa’e ol kaasnee qabachuun kallatti abdii Waaqayoo isa gaarii fi dhugaa ta’e akka agarsifnuuf Waaqayyo nu fo’ate.
Obboleetti ko obbolessa ko jireenyi kee akkami ? Ibsaa kee olfuutee baachaa jirtaa? Naanoon kee, hawasii ke, maatiin kee soogidda jireenyaa ka dhugaa fi birmaduu Waaqayyoo si irraa mi’eeffatuu lata? Jireenyi nuti itti waamane jireenyaa hiikaa fi kaayyoo hin qabne ka akka dha’a galaanaa asii fi achi dha’amnu miti. Jireenyaa abdii Waaqayyoo keessa dhugaan deddebi’anii fi abdii sanatti jiraataniti, jireenyaa kallatti agarsiisuu fi meeshaa fayyinaa fi geddaramsaa ta’uuti. Tokkoon tokkon keenya Waaqayyo kanaaf nu barbaade, gara keenya dhufe. Dhugaa dubbii Waaqyyoo isaa dhugaatti qabamnee akka jiraannu meeshaa hojee isaa isa gaarii akka taanuuf Waaqayyo nu haagargaaru. Amen.
Rev. Dr. G. Olana
- 0
Tear Down This Wall and Build Bridges:![]() Without any doubt it is time for all of us to tear down walls, fortresses and forts and start building bridges of relationships, friendships and nationhood. Every time walls and ... Read more |
Harooroo Wangeelaa fi adaa gidduu jiru![]() Hriiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru mali? Amanaan tokko amantii isaa fi jirenya hawaasaa kessaa iyyuu safuu fi duudhaa garaa garaa hawaasichi qabu akkamitti waliin firmoosee jiraachuu danda’a? Aamanaan tokko ... Read more |
Maddi gammachuu keenyaa Waaqayyotti gamm![]() “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa….” Filiphsiiyus 4:4 Phaawuloos ergaa isaa gara warraa Filiphisiiyus kana kessatti eggaa yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa jedhu maal jechuu barbaade laata? Jireemyi biyya lafaa hedduminaan dadhabbii fi sodaan ... Read more |
Obsaa fi Ogummaan Qoramsa K“Obsaan haannan goromsaa dhuga.” jedha Oromoon wayitii mammaaku. Mammaaksi kun yaad-rimeen “obsa” jedhamu, hagam ulfaata fi nuffisiisaa (hifachiisaa) haata’u iyyu malee, dhuma irratti badhaasa yookaan onnachiiftuu jabaa akka qabu s... Read more |
Utuu Waaqayyoon Amannuu Maaliif Rakkanna“Waaqayyoo jallinni fi rakkini akka hinjiraanne gochuu utuu danda’uu, jallina fi rakkina keesssaa waan garii baasuuf murteessuun isaa murtoo qajeelaa dha.” Saint Augustine. Utuu waaqayyoon amanannuu maaliif qormsii nutti baayyata? ... Read more |
Kristosin Uffachuu"Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti. Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti“ uffattaniittu." Gal 3:26-27Dubbiin Waaqayyjo, Phaawlos gara waldouta Kristaana kutaa biyya Galaatiyaatti, erge k... Read more |





