Guddina Hafuuraa
Sagaleen Wangeelaa yeroo garaa garatti fayyuu duwwaa otuu hin taane hafuuraa fi deddeebiin guddachuuti akka waamane dhugaa nuuf ba’a. Phwuloos waldaa warra efessoniif yeroo barressu boqonnaa hafur keessatti dubbiidhuma kana cimsee akkas jechuun dubbata. “… Jaalalan dhubbi dhugaa dubbachaa, kottaa karaa hundumaan gar isa mataa nuuf ta’ee, gara Kiristoositti in guddanna !” (Efesson 4:15) Guddachuun kunis kan inni akeekkatte ‘ilma Waaqayyoo beekuu’ fi amantiin namoota ga’oo safara ilmaa Waaqayyoo bira ga’an ta’uu dha. (Efesson 4:13). Akka kiristiyaanotaatti yeroo waa’ee guddina hafuraa dubbannu guddinni kun guddina isa ilama Waaqayyoo beekuutti guddachuu fi deddeebii fi amala jirenya keenyaan isa fakkaachuuti adeemuuti. (Romee 8:29). Yesuus Kiristoosiin akka fayyisaa keenyaa fi gooftaa keenyaatti fudhachuun jalqaba adeemsa amantii kiristiyaanaatti. Isa kana dura waa’ee hafuuraan guddachuu yookaan jajjabachuu haasa’uun hin anda’amu. Bu’uura jalqaba kana booda garu achuma dhaabannee hafna otuu hin taane, amantii keenyaan, beekumsa keenyaan, ademsaa fi deddeebii keenyaan guddachaa adeemna. Akkuma mucaan tokko dhalattee guddchauun irra jiru, nuti gaafa hafuuraan lammatadhalannee kaafnee hundee fi mataa Waldaa Kirsitiyaanaa isa ta’e Yesuus Kiristoos keessatti deddeebii keenyaan guddachuun nu irra eegama.
Dhimmi Hafuuratti Guddachuun walii keenyaafi
Tarii guddachuun kun maaliif barbaachise jennee gaafachuu dandeeya. Kan guddachuu qabnuuf yookan nu irra jiruu, tokkoffa wallaalummaan akka hundee amantii keenyaa irraa hin banneef, lammaffaa obbolota keenya akka hundee amantii isa dhugaa irraa isaan hin kaachifneef, sadaffaa obboloota keenyaa warra hafuuratti hin guddatin jiran akka gargaarruu fi gara guddinaatti isaan geessinuuf. Egaa as keessatti yoo ilaalle guddini hafuraa nuuf dhuunfaa keenyatti, darbees obbolota keenyaf warra maati Kiristoos ta’an yookan ta’uuf jiran jecha barbaachisaa dha. Kana irraa kan hubannu dhuunfaatti hafuuratti guddachuu barbaaduu dhiisuun keenya yookan dadhabuun keenya nu qofa midha otuu hin taane, warra maddi keenya jiran obboloota, maatii waldaa Kiristiyaanaa maraaf hirrina guddaadha.
Hundeen Guddinaa Hafuuraa Sagalee Waaqayyooti
Ija jabina amantii fi hidhaa jalalaa jabbaan kan amantoota gidduutti argamu, badhaadhummaan amansiisa guutuu qabu, isa hubannaa keessa dhufu, “dhoksaa Waaqayyo isa Kiristoos keessa jirus beekuun” (Qol. 2:2-4) Kirsitoositti guddachuu keessaa argama. Wallaalina amantiin asii fi achi rukutamuun, barssisa sobaa fi gowwomsaa haxxumaan gute irraa kan oolu dandeenyu yeroo hafuratti Kiristoositti guddannu duwaadha (Ef. 4:14). Yeroo tokko tokko garuu dhibaa’ummaa keenyaa irra kan ka’e yookan wallaalummaa keenyaan sadarkaan guddina amantii keenyaa xobbee ta’ee hafa, kanaaf yeroo hundaa deddeebiin keenyaa fi hubannaan amantii keenyaa bilchina dhabu. Amantiiti bilchaachuun deddeebii’a amantii keenyaa keesatti barbaachisaadha. Hudumtuu gara “ayyaana gooftaa keenyaatti, fayyisaa keenyaa Yesus Kiristoos beekutti” gudhachautti waamamne (2Pex. 3:18). Kun kan ta’uu danada’u garuu sagalee Waaqayyoo dubbisuu, tokkommaa amantootaa keessatti ijaaramanii jajjabaachuu, fi dhugaa sagalee Waaqayyoo baruuf qophaa’aa ta’uu keessa argama.
Guddinni Hafuuraa Adeemsa Jireenyaati
Namini otuu hafuratti hin guddattin, hamaa fi gaarii gargar baasee amala fi deddeebii Kiristtiyaanummaa dhugaa deddebi’uu hin danda’u. Ubannaan kun kan dhufu danda’u yeroo nuti jirenyaa keenya keessatti sagale Waaqayyoo iddoo gaa’a laannu qofa. Obsaa fi jabatanii hundee amantii ofii irra dabbachunis guddina hafuraa kessaa ba’a.(Yaq. 1:2-4) Guddinni hafuraa kun garuu jireenya ammaa kana keessatti kan xumura hin qabnne asii achi kan gara fuula duraatti hanga dhufaatti Kiristoosiin hundumtuu gutu ta’ee as ba’utti adeemuudha. Kana jechuun bilchinni amantii yoo wal caale iyyuu Kiristoos keesstti guddachuun adeemsa jireenyaati. Adeemsi jirenyaa amantii kun garuu ijoollummaa, saafilummaa fi ga’essummaa of keessa qaba. Bilchinni keenya kunis ijoollummaa gara ga’essummaa warra itti gaafatamummaa fudhatanitti. Kana jechuun amanaan hundumtuu ijoollummaa gara guddinaa sadarkaa itti gaafatamummaatti waamame. Hundumtuu Kiristoos keessatti guddachaa kennaa hafuraa badhaafameen wal tajajiluu fi dhugaa Wangeelaa gutuutti jiraachuutti waamame. Hanga Kiristoos keessatti guddanne immoo wal ijaarra, garraamummaan wal tajaajilla, ba’aa walii baachaa, gad of deebisnee jaalalaan dhugaa dubachaa tokkummaa amantootaa ijaaruu dhimmeefanna.
Rev. Dr. Gemechu Olana
- 0
Tear Down This Wall and Build Bridges:![]() Without any doubt it is time for all of us to tear down walls, fortresses and forts and start building bridges of relationships, friendships and nationhood. Every time walls and ... Read more |
Harooroo Wangeelaa fi adaa gidduu jiru![]() Hriiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru mali? Amanaan tokko amantii isaa fi jirenya hawaasaa kessaa iyyuu safuu fi duudhaa garaa garaa hawaasichi qabu akkamitti waliin firmoosee jiraachuu danda’a? Aamanaan tokko ... Read more |
Maddi gammachuu keenyaa Waaqayyotti gamm![]() “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa….” Filiphsiiyus 4:4 Phaawuloos ergaa isaa gara warraa Filiphisiiyus kana kessatti eggaa yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa jedhu maal jechuu barbaade laata? Jireemyi biyya lafaa hedduminaan dadhabbii fi sodaan ... Read more |
Obsaa fi Ogummaan Qoramsa K“Obsaan haannan goromsaa dhuga.” jedha Oromoon wayitii mammaaku. Mammaaksi kun yaad-rimeen “obsa” jedhamu, hagam ulfaata fi nuffisiisaa (hifachiisaa) haata’u iyyu malee, dhuma irratti badhaasa yookaan onnachiiftuu jabaa akka qabu s... Read more |
Utuu Waaqayyoon Amannuu Maaliif Rakkanna“Waaqayyoo jallinni fi rakkini akka hinjiraanne gochuu utuu danda’uu, jallina fi rakkina keesssaa waan garii baasuuf murteessuun isaa murtoo qajeelaa dha.” Saint Augustine. Utuu waaqayyoon amanannuu maaliif qormsii nutti baayyata? ... Read more |
Kristosin Uffachuu"Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti. Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti“ uffattaniittu." Gal 3:26-27Dubbiin Waaqayyjo, Phaawlos gara waldouta Kristaana kutaa biyya Galaatiyaatti, erge k... Read more |





