Dhama’iinsi jireenya mo’achuu jireenya nu jala dhoksuu hin qabu.


Fakkeenyi goofta Keenyaa Yesuus Kirsitoos kan inni nu yaadachiisu waamichi Waaqayyoo nuuf godhee waamicha jireenya ayyaanaatti. Ayyaana gammachuu qabu akka cidaatti waamane. Waaqayyoo nama hundumaa nagaa, gammachuu fi fayyinatti waame. Akkuma abbaan cidaa ykn misirroon firoota isaa akka hirmaattu gammachuu isa ta’anii fagoo fi dhi’oo jiranii dhangaa ulfinaa qophessee waamuu Waaqayyo dhangaa hin bannee kan jireenyaa qophessee akka ayyaaneffannuuf itti nu waame. Waamicha gati qabeessa kanaaf baasii ykn harka fuudhii nu irraa barbaadu Waaqayyo hin qanu. Kan inni namoota irraa barbaadu fedhaa fi of kennuu isaanis qofa. Hata’u iyyu male akka fakkeenya kana irraa hubannuutti haala dhugaa biyya lafa fi jireenya namaa keessatti namni Waaqayyoo fedhuu fi of kennuun hedduu salphaa miti.

Dhama’iisi jireenya mo’achuu akkuma fakkeenya kana irraa agarre waamicha Waaqayyoo nama hundaaf godhe irraa kan nuu hanqisu ykn boodatti nu hanbisan akka ta’e argina. Akka fakkeenya kanatti hedduun namoota waamamanii kan isaan argamuu hin dandeenyeef muddaama jireenyaan waanta qabamanii jiraniifi. Inni kan qonnaaf, inni kaan kan du’e awwaaluuf, inni kan immoo horii isaa ilaallachuuf waanta muddamee jiruuf waamicha gooftaa isaanii kana irratti argamuu hin dandeenye. Waanti isaan itti qabaman kunis wanta hamaa hin turre, waanuma qajeelaa namni jireenya isaa ittin biyya lafaa kan irratti mo’atee jiraatuudha. Namni yoo hin hojjenne, yoo hin qonne, yoo du’aa hin awwaallanne jireenyi nama jireenya ta’uu hin danda’u.

Waanti heddu nama gaddisiisu garu dhama’isuma jireenya mo’achuu isa qajeelaa ta’ee jiru kanatu isa hundumaa caalu hundee jireenyaa, nagaa fi fayyinaa nu jalaa dhoksa. Hedduun keenya qalbii keenyaa fi hafuurri keenya waanta waa’ee dhama’ina jireenyaan qabameef, jireenya isa itti waamaneef yeroo hin qabnu. Qalbiin keenya muddama jireenyaan wanta qabameef isa dura aanuu male jireenya, kan foonis ta’e hafuuraaf, yeroo hin qabnu. Sagaleen Waaqayyo garu kan nu barsiisu, Waaqayyo dhama’ina duwwaaf nu hin uumne, jiraachuuf, keesaa iyyuu jireenya irraa hafa akka jiraannuf malee. 

Namni dhma’ina isaan horii horachuu, beekumsa qabaachuu tarii firoota horachuu danda’a. Jireenya, nagaa waaraa fi gammachuu guutu garuu waaqayyotu namaaf kenna. Kanas hudumti keenya garaa keenya kessati beekna. Wanta hundumaa utuu qabnuu yaadi keenya hin rafu, waanta nyaannu out qabnuu garaan keenya hin quufu, jireenyaaf otuu dhamaanuu jireenya dhamaanuf otuu hin jiraattin yeroon keenya gara xumuraatti saffisaan fiigdi. Tarii kana hundumaas sababa hedduu dhi’eessu dandeenya ta’a. Jarri warri gooftaan isaanii maaddi ga’a ulfinaa qopheessee isaan waame hafuu isaaniif sababa hedduu akka dhi’eessan arginnerra.

Waqayyo jireenya guutu fi gammachuu, akkasumas jaalalaa nuuf kennuuf gara keenya dhufe. Tarii ar’a jireenya inni nuuf fidee dhufe simannee akkasumaan gati tokko malee akka harkaa fudhannee ararra isaa kessa akka hin jireennef sababa nuti dhi’eessinu maali?  Akka nuti tokkummaa amantootaa, lafa itti Waaqayyon gochaa isaaf galateffannu, akkasumas sagalee isaa irra wal jajjabeessinu irraa kan nu ittisan maal lata ? Waaqayyo inni akkasumaan nu jaallate, inni nutti hin faranne, irrina keenyaa fi dadhabina keenya beeku ara’as gara maaddi isaatti nuwaama!

Ara’a haaraan arraa kun nu hunduma keenyaaf carraa itti waa’ee jireenya keenyaa itti xinxallee ilaallu fi waamicha waaqayyo harka isaa ballisse nuuf godhuuf debii lannu dhaa. Waaqayyo akkasummatti hawwaa fi dhama’ina jireenyaan akka umurii keenya fixnuu hin barbaadu. Akka isa hundumaa caalu jireenya dhaqdhamnee, ar’a asitti itti jiraannuuf akkasumas jireenya kana garasiittii.

 
  • 0
prev
next

Tear Down This Wall and Build Bridges:

News image

Without any doubt it is time for all of us to tear down walls, fortresses and forts and start building bridges of relationships, friendships and nationhood.  Every time walls and ...

Read more

Harooroo Wangeelaa fi adaa gidduu jiru

News image

Hriiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru mali? Amanaan tokko amantii isaa fi jirenya hawaasaa kessaa iyyuu safuu fi duudhaa garaa garaa hawaasichi qabu akkamitti waliin firmoosee jiraachuu danda’a? Aamanaan tokko ...

Read more

Maddi gammachuu keenyaa Waaqayyotti gamm

News image

“Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa….” Filiphsiiyus 4:4 Phaawuloos ergaa isaa gara warraa Filiphisiiyus kana kessatti eggaa yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa jedhu maal jechuu barbaade laata? Jireemyi biyya lafaa hedduminaan dadhabbii fi sodaan ...

Read more

Obsaa fi Ogummaan Qoramsa K

“Obsaan haannan goromsaa dhuga.” jedha Oromoon wayitii mammaaku. Mammaaksi kun yaad-rimeen “obsa” jedhamu, hagam ulfaata fi nuffisiisaa (hifachiisaa) haata’u iyyu malee,  dhuma irratti badhaasa yookaan onnachiiftuu jabaa akka qabu s...

Read more

Utuu Waaqayyoon Amannuu Maaliif Rakkanna

“Waaqayyoo jallinni fi rakkini  akka hinjiraanne gochuu utuu danda’uu, jallina fi rakkina keesssaa waan garii baasuuf murteessuun isaa murtoo qajeelaa dha.”  Saint Augustine. Utuu waaqayyoon amanannuu maaliif qormsii nutti baayyata? ...

Read more

Kristosin Uffachuu

"Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti. Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti“ uffattaniittu." Gal 3:26-27Dubbiin Waaqayyjo, Phaawlos gara waldouta Kristaana kutaa biyya Galaatiyaatti, erge k...

Read more
NewsFlash
The 15th Annual UOEC Conference
The 15th Annual United Oromo Evangelical Churches Spiritual Conferences will be held from July 28 – August 1, 2010 in Portland, OR. The Conference schedule is as follow:  July 28, Wednesday 9AM: Pastors and Ministers meeting, July 29, Thursday 9AM Board and Council meeting July 29, Thursday evening the Conference begins.
Video of the Week
You must have Flash Player installed in order to see this player.