Kristosin Uffachuu

"Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti. Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti“ uffattaniittu." Gal 3:26-27
Dubbiin Waaqayyjo, Phaawlos gara waldouta Kristaana kutaa biyya Galaatiyaatti, erge kun Kristaanonni Yesus Kristosiin maal akka; taanee fi isa uffachuu keenya kan nu barsiisu yommuu ta’iu, dubbii dhugaa kana hüb,achuu akka dandeenyuuf Waaqayyo Gooftaan maccaa hafuura isaatiin nu haa gargaaru nan jedha. Ergaa kana mee iddo  lamatti qoadnee haa ilaalluu.


Ergaan kun lakkoobsa 26 irratti akkuma nu barsiisutti, nuyi warri maqaa Gaoftaa Yesus Kristositti amannee hundinuu ilmaan Waaqayyoo ti. "Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo, akka ta’aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha." Yoh 1:12 Egaa warri Kristoositti amanuudhaan ijoollee Waaqayyo, akka taanuuf abooon nuuf kenname  warra: Waaqayyottii dhalatan (Yoh 1:13); Waaqayyo ofitti isaan araarse (Qol 1:20); hafuura Waaqayyotiin geggeeffaman ( Rom 8:14); luboota Waaqayyoo ta’anii fi Waaqayyoof hojjetan (Isa 61:6, Mul 1:6) akka ta’an  dubbiin Waaqayyo jiraataan nu barsiisa.


Ergaan jiraataan kun lakkoobsa 27 irratti, "Warri Kristoositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataa-tti uffattaniittu. "jedha. Kristositti dabalamuudhaaf murtoon gooneerru cuuphamuun keenya (Rom 6:4-5; Yoh 14:3); du’a isaatti isatt i dabalamuu fi isaa wajjin awwaalamuu; akkuma du’a isaatti isaa wajjin walitti dabalamne, akkasuma du'aa ka’uu isaattis isaa wajjin walitti dabalamuu fi uumamaa haaraa taanee jireenya haaraatti iddoodhuma inni jiraatu jiraachuutti isatti dabalamuu, akka of keessaa qabu waan nu barsiisuf, Kristosin akka uffataatti nu uffiseera! Uffani kunis: Qoloo  qajeelummaatti."qoloo qajeelummaatiinis na gonfeera."(Isa 61:10). Qoloon gonfamneerru kun immoo hojjetaa qajeelinaa nu godheera; hojjetaa qajeelinaa warra dubbii Waaqayyoo isa dhugaadhaan, humna isaatinis hojjetanii fi,qajeelina akka meeshaa waraanaatti (ittin hojjechuudhaaf) harka mirgaa fi harka bitaatti qabatan taaneerra. 2Qor 6:7 Kanaaf egaa akka hojjetaa qajeelinaatti dubbii Waaqayyootiin, hafuura isaa isa haxxummaa of keessaa hin qabneen geggeffamnee hojjechuutu nu irra jira. Kana ta’uu dhaahaannaan garuu, "Namni haxxummaadhaan hojjetu mana koo keessa hin jiraatu." Far 101:7, in jedhu dubbiin Waaqayyo Gooftaa maccaa nu irratti in raawwatama. Qoloo qulqullummaa ti "Isin mana qulqullummaa Waaqayyoo akka taatan hafuurri Waaqayyoos isin keessa buufatee akka jiru hin beektanii ree?"


Qor 3:16. Iddoo biraatti immoo, "Xuraa’urnmaatti utuu hin ta’in qullaa’ummaatti akka jiraannuuf Waaqayyo, nu waame. 1 Tas 4:7, kan jedhu Kristoosin akka qoloo qulqllummaatti uffannee waan jirruufii dha.  Fakkaattii fi bifa Waagayyootiin kan uumame dha (Uma 1:26-27). Kana irraa kan ka’e, "hojii gaarii isa Waaqayyoo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne” jedha dubbiin Waaqayyoo (Efe2:10).  Uffata (qoloo) fayyinaati. Namni waaqayyo uumaa isaatti amanatu uffata fayyinaa isa miidhagaa isa surra-qabeessaa fi simbo qabeessa akka uffateeru waan beekuuf, Waaqa isaatti in gammada; lubbuun isaas in ililchit, "Ani Waaqayyo"tti guddisee nan gammada, lubbuun koos Waaqayyo koottii in ililchitii; akkuma dhirsi misirroo akka lubaatti shaashii maratu akkuma misirroonis mila miidhaginaa naqatuuti, akkasuma inni uffata fayyinaa anatti uffiseera,"(Isa 61:10), jechuudhaan dubbiin Waaqayyoo nu barsiisa" qoloo mo’chaa ti.


Dubbiin Waaqayyoo,"Nama mo’utti akkasuma uffata adiitu uffifama; ani maqaa isaa macaafa jireenyaa, isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman keessaa hin halleesamue abbaa koo duratt! Ergamoota isaa durattis maqaa isaa waamee kan koo ta’uu isaa nan beeksisa." (Mul 3:5) jedha. Uffata kana irraa kan ka’e dha waan hundumaa (rakkina,  du’a....) mo’uudhaan jireenya bara baraatiin kan geenyu.  Egaa warra dagatoo warra guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo sanatti, itti dukkanaa’ee salphatanii gaddan utuu hin ta’in, warra dammaqoo fuulli isaanii ifee gammadan akka taanutti uffata uffanneerru kana baay’e dhimminee eeggachuutu nuuf ta’a! "Kunoo! Ani akka hattuun dhuftuutti nan dhufa, namni dammaqu" namni qullaa isaa adeemee saalli isaa bakkeetti akka hin mullannetti uffata isaa eeggatu haa gammadu!. Mul 1:6.

Fufaa Ayyaanaa

 
  • 0
prev
next

Tear Down This Wall and Build Bridges:

News image

Without any doubt it is time for all of us to tear down walls, fortresses and forts and start building bridges of relationships, friendships and nationhood.  Every time walls and ...

Read more

Harooroo Wangeelaa fi adaa gidduu jiru

News image

Hriiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru mali? Amanaan tokko amantii isaa fi jirenya hawaasaa kessaa iyyuu safuu fi duudhaa garaa garaa hawaasichi qabu akkamitti waliin firmoosee jiraachuu danda’a? Aamanaan tokko ...

Read more

Maddi gammachuu keenyaa Waaqayyotti gamm

News image

“Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa….” Filiphsiiyus 4:4 Phaawuloos ergaa isaa gara warraa Filiphisiiyus kana kessatti eggaa yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa jedhu maal jechuu barbaade laata? Jireemyi biyya lafaa hedduminaan dadhabbii fi sodaan ...

Read more

Obsaa fi Ogummaan Qoramsa K

“Obsaan haannan goromsaa dhuga.” jedha Oromoon wayitii mammaaku. Mammaaksi kun yaad-rimeen “obsa” jedhamu, hagam ulfaata fi nuffisiisaa (hifachiisaa) haata’u iyyu malee,  dhuma irratti badhaasa yookaan onnachiiftuu jabaa akka qabu s...

Read more

Utuu Waaqayyoon Amannuu Maaliif Rakkanna

“Waaqayyoo jallinni fi rakkini  akka hinjiraanne gochuu utuu danda’uu, jallina fi rakkina keesssaa waan garii baasuuf murteessuun isaa murtoo qajeelaa dha.”  Saint Augustine. Utuu waaqayyoon amanannuu maaliif qormsii nutti baayyata? ...

Read more

Kristosin Uffachuu

"Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti. Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti“ uffattaniittu." Gal 3:26-27Dubbiin Waaqayyjo, Phaawlos gara waldouta Kristaana kutaa biyya Galaatiyaatti, erge k...

Read more
NewsFlash
The 15th Annual UOEC Conference
The 15th Annual United Oromo Evangelical Churches Spiritual Conferences will be held from July 28 – August 1, 2010 in Portland, OR. The Conference schedule is as follow:  July 28, Wednesday 9AM: Pastors and Ministers meeting, July 29, Thursday 9AM Board and Council meeting July 29, Thursday evening the Conference begins.
Video of the Week
You must have Flash Player installed in order to see this player.