Utuu Waaqayyoon Amannuu Maaliif Rakkanna?
“Waaqayyoo jallinni fi rakkini akka hinjiraanne gochuu utuu danda’uu, jallina fi rakkina keesssaa waan garii baasuuf murteessuun isaa murtoo qajeelaa dha.” Saint Augustine. Utuu waaqayyoon amanannuu maaliif qormsii nutti baayyata? Rakkachuun keenya hiikaa maalii qaba? Dhuguma akka barruu qulqulluun ibsu abdii qabna moo akkasumaan wal-jajjabeessuuf qofa wal-sossobna laata? Amantooti hedduun, akkuma warra hinamannee, ifa baafnee dubbachuu yoo dhiifne yuu gaaffiiwwan kanneen fakkaataan danuu of gaafachuu fi wal gaafachuun keenya hinoolu jedheen yaada. Wayitii “ofitti haasofnu” sodaa fi maal-naan-jedhuu? tokko malee gaaffii baayyee sammuu keenya keessatti akka xinxalluu shakkii hinqabu. “Kun maaliif akkas ta’e?” yookaan “Sun maaliif akkas ta’uu dide?” jennee Waaqayyoo irratti gungumuunis xabiyaa fi amala nama hedduu ta’uu hinoolu.
Iyyoob nama gaaffii hafuuraa guddaa qabu ture. Utuu seelkoo yookaan mudaa dheekkamsa Waaqayyoof isa saaxilu hinqabatiin (hamma ani beekutti) rakkinni fi siqiqiin dangaa hinqabne isa irra ga’e. Haala keessa ture sana keessa taa’ee guyyaa dhaloota saa abaraa ture. Maalif balleessaa malee akka rakkatu hubachuu waan barbaaduf Waaqayyoon gaaffii gurguddaa gaafata ture. Iji amantii isaaa garuu abdii dhufuuf jiruu waan argaa tureef Waaqayyoon amanuu hindhifne. Hayyoonni barruu qulqulluu fi waa’ee Uumaa fi seera uumama xinxalan rakkinni Iyyoob irra ga’e hubannaa namaan ol akka ta’e barreessuu. Bayyinni fi hannisaan siqiqii iyyoob daraan guddaa ta’ee utuu jiruu, kan iyyob ittiin yaadatamu garuu obsa guddaadhaan hamma dhumaatti harka Waaqayyoo eeggachuu saa ti. Rakkina fi dararamuu saa keessaa waan gaarii arga ture. Sababaa rakkina saatiin waa’ee jijjirama yaada-garaa fi laphee saa yeroo dubbatu “Waaqayoo laphe- laafessa nagodhe; humna isaa isa hundumaa danda’uunis na naasise.” jedha ture (Iyoob 23:16). Dhuma irratti immoo obsaan Waaqayyoon eeggatee eebbaa isa lakkaa’amuu fi madaalamuu hindandeenye yeroo argatu “Waan hunda gochuu akka dandeessu fi akeeka kee waan karaatti hanbisu tokko illee akka hinjirren hubadhe.” jedhe (Iyoob 42:2).
Gama biraan, Asteer abbaa fi haatii kan irraa du’an fi akkuma ijoollee abbaa fi haadha hinqabne hundaa rakkinni baayyeef kan saaxilamte turte (Macaafa Asteer 2:7). “Waaqayyo maaliif ijoollummaan abbaa fi haadha koo narra fudhate?” jechuun shee hinoolu jedheen yaada. Waaqayyo garuu Asteeriif akeeka guddaa waan qabuuf utuu isheen hinbeekin sadarkaa guddaaf ishee qopheessaa ture. Akka barruu qulqulluun, duraa-dubaa fi seeneessuu qalbii nama butuun ibsu, “Mootichi dubartoota warra kaan caalaatti Asteeriin in Jaallate” (Macaafa Asteer 2:17). Jalqabishee sodaa fi gaaffiin gutee utuu jiruu dhumi jireenya ishee garuu ni tule. Yoseefis fakkeenya gaarii (dansaa, mishaa) nuuf ta’a jedheen herrega. Sababaa hinnaaffan obbolotuma saatiin garbummaatti darbamee wayitii gurgurame garaansaa haalaan gaddee ture. Innis Gaaffii “Maaliif” jedhu Waaqayyoon gafachuunsaa hinhafu. Waaqayyo garuu yeroosaatti akeeka Yoseefiif qabu raawwachuuf waan murteessef garbummaa irraa gara mootummaa tti isa guddise. Haalli rakkisaan inni keessa turee akeeka Waaqayyoo akka ta’ee waan hubateef erga aango- qabeessa ta’ee booda obbolota saa garbummaa tti isa gurguran argee “Isin miti, waaqayyo tu godhe… Isin hamaaf yaaddani, Waaqayyo garuu gaariif godhe.” jedhee dhiifama isaaniif godhe (Seera Uumama 45: 5)
Walumaa galatti, muuxannoon Iyyob, Asteer, fi Yooseef barnoota fi jajjabina gaarii nuuf ta’a jedheen yaada. Gaaffii haafuuraa qabaachuun cubbuu natti hinfakkatu--ta’uus hinqabu. Garuu, sababaa gaaffii hafuuraa qabnuuf Waaqayyo irraa galgaluun eebba guddaa ofitti hanbisuu ta’a. Wayitii Pheexros Gooftaa Keenya Yesuus Kiristoosiins gaaffii “Maaliif” jedhu gaafate, inni immoo deebisee “Waan ani hojjechaa jiru ati amma hinbeektu; gara boodeetti garuu ni hubatta” jedhee deebiseefi ture. Waan waaqayyoo jireenya Kenya keessatti hojjechaa jiru amma hubachuu yoo dadhabne iyyuu—yookaan gaaffii yoo qabaanne iyyuu—guyyaa tokko nuuf gala.
Mee dhuma irratti sagaleewwan ijoo-dubbii ani kana olitti ibsuu ifaaje caalaatti mirkkanneessan barruu qulqulluu keessa eereen yaada koo xumura.
“Dhiphinni keenya si’anaa kun, ulfina isa nuuf mul’ifamuu jiruu wajjin wal bukkee qabamee, ilaalamuu akka hindandeenyetti nan lakkaa’a.” (Gara Warra Roomaa 8:18)
“Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa ; isaan warra akka akeeka isaatti waamamanii dha.” (Gara warra Roomaa 8:28)
“Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaa tu beeka; yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee , yaada isin balleessuu miti.” (Macaafa Ermiyaas 29:11)
Bahiru Atomsaa
- 0
Tear Down This Wall and Build Bridges:![]() Without any doubt it is time for all of us to tear down walls, fortresses and forts and start building bridges of relationships, friendships and nationhood. Every time walls and ... Read more |
Harooroo Wangeelaa fi adaa gidduu jiru![]() Hriiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru mali? Amanaan tokko amantii isaa fi jirenya hawaasaa kessaa iyyuu safuu fi duudhaa garaa garaa hawaasichi qabu akkamitti waliin firmoosee jiraachuu danda’a? Aamanaan tokko ... Read more |
Maddi gammachuu keenyaa Waaqayyotti gamm![]() “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa….” Filiphsiiyus 4:4 Phaawuloos ergaa isaa gara warraa Filiphisiiyus kana kessatti eggaa yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa jedhu maal jechuu barbaade laata? Jireemyi biyya lafaa hedduminaan dadhabbii fi sodaan ... Read more |
Obsaa fi Ogummaan Qoramsa K“Obsaan haannan goromsaa dhuga.” jedha Oromoon wayitii mammaaku. Mammaaksi kun yaad-rimeen “obsa” jedhamu, hagam ulfaata fi nuffisiisaa (hifachiisaa) haata’u iyyu malee, dhuma irratti badhaasa yookaan onnachiiftuu jabaa akka qabu s... Read more |
Utuu Waaqayyoon Amannuu Maaliif Rakkanna“Waaqayyoo jallinni fi rakkini akka hinjiraanne gochuu utuu danda’uu, jallina fi rakkina keesssaa waan garii baasuuf murteessuun isaa murtoo qajeelaa dha.” Saint Augustine. Utuu waaqayyoon amanannuu maaliif qormsii nutti baayyata? ... Read more |
Kristosin Uffachuu"Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti. Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti“ uffattaniittu." Gal 3:26-27Dubbiin Waaqayyjo, Phaawlos gara waldouta Kristaana kutaa biyya Galaatiyaatti, erge k... Read more |





