Obsaa fi Ogummaan Qoramsa Keessa Darbuu
“Obsaan haannan goromsaa dhuga.” jedha Oromoon wayitii mammaaku. Mammaaksi kun yaad-rimeen “obsa” jedhamu, hagam ulfaata fi nuffisiisaa (hifachiisaa) haata’u iyyu malee, dhuma irratti badhaasa yookaan onnachiiftuu jabaa akka qabu sirriitti ibsa. Akkuma beekamu haannan goromsaa dhuguuf waggaa hedduu eeggachuu barbaachisa. Wayiti goromsi dhaltu garuu hannan furdaa fi ititaa wallaansa qaamaaf tolu dhuguun attam namatti tola! Namni obsa hinqabne immo goromsa guguree garbaqeessa waan bitatuf haannan furdaa fi ititaa hindhugin hafa.
Og-barruu do’ii beekamaa William Shakespeare barresse “Othello” jedhu keessatti ta’aan (character) Othello jedhamu obsa waan dhabeef shira fi jallina ta’aa Iyagoon dalageen butamee haadha manaa saa gar-malee bareeddu fi qalbi-qabeettii, Desdemona jedhamatu, hudhee ajjeese. Booda garuu waan hojjetetti gar-malee gaabbee, obsa dhabuusaa ttii gaddee, ofisaafis du’a filate.
Barreessaan Scott Peck (1985) jedhamu immo kitaaba yookaan barruu saa “The Road Less Travelled” jedhu akkas jedhee eegale.
Jireenyi ulfaataa dha. Nama jireenyi ulfaataa ta’uusaa hubateef garuu jireenyi baayyee ulfaataa itti hinta’u--- namni akkasii waan hundumaa obsaan keessa darbuuf qophaa’aa waan ta’eef.
Akka ani Barruu Qulqulluu fi xinxalaa Qor-Waaq (Theology) adda addaa irraa dubbisee hubachuu yaaletti obsa qabaachuun xabiyaa yookaan amalaa waaqayyo wajjin wal nama fakkeessu qofa utuu hinta’in guddinaa fi fiixaan ba’umsaa dhuunfaa fi garee keessatti shoora ol aanaa qaba. Iyyobi obsaan haala siqiqiin guute keessa darbee eebbaaf ga’e. Yoseef obsaan iddoo gad-aanaa irraa teessoo mootii itti ol ba’e. Gooftaan Keenya Yesuus Kirstoosis obsaan hammina fi jallina mo’ee abbaa saa gammachiisee nuufis jireenya nuuf kenne.
Mee bo’iiwwan kanatti anaan keessatti Barruu Qulqulluun kutaa adda addaa keessatti waa’ee obsaa waan inni barsiisu waliin haa ilaallu.
Namni obsa qabu “Ija-lafaa isa gatii jabeessa hin eeggata.” jedha sagaleen Waaqayyoo ( Ergaa Yaaqoob 5: 7-8). Akka kutaa kanaatti namni tokko yoo obsa qabaate waan gaarii Waaqayyo isaaf qopheesse hunda eggatee fudhachuu ni danda’a. Waaqayyo waaqaa fi lafa wayitii uumee waan gaarii fi namootaa fi fayidaa qaban hedduus uumeera. Garuu mucaan namaa waan obsa dhabeef waan gaarii obsaan eeggachuu dadhabee yeroo hedduu waan yaraa ofumasaatiin waan butatuf jiruu fi jireenyi saa rakkina fi gadadoo ta’ee argama.
Namni qormsa keessatti ilaalamee jireenya abdachiifame gonfata (Ergaa Yaaqoob 1: 12-13). Waaqayyo qajeelaa, beekaa fi oggeessa waan ta’eef nama obsa hinqabnetti--- keessa namaa qoree waan arguuf--- itti gafatamummaa fi eebba callisee waan itti kennu natti hinfakkatu. Obsa dhabuun hiyyuma. Obsa dhabuun wallaalummaa dha. Obsa dhabuun amantii dhabuu dha. Kanaafuu obsa dhabuun Waaqayyoo fi eebbaa Inni kennu irraa baayyee nama fageessa.
Sagaleen Waaqayyoo bakka biraatti immoo “Anaaf jettanii hunduma biratti in jibbamtuu; namni hamma dhumaatti rakkina obsu garuu in fayya.” jedha (Matiwoos 10:22). Dhugumattuu biyya lafaa jallinaa fi micciramu filate kana keessatti qoramsi ijoollee Waaqayyotti caalaatti waan heddummatuf obsi baayyee nu barbaachisa. “Hamma yoomitti obsina?” jenna ta’a. Obsi keenya hamma dhumaatti, hamma Waaqayyo deebi’ee dhufutti malee yeroo murtaa’eef ta’uu hinqabu.
Dubbiin waaqayyoo dhugaa fi amanamaa waan ta’ef isa diinni nutti asaasuu dhaggeeffachuu dhiifnee sagalee jajjabinaa waaqayyo karaa adda addaa guyyaa guyyaatti nutti dubbatu dhaggeeffachuu dhaan obsaa keenya haa hareffannu.
Akka farfataa Caalii Fiqaaduu qooqa bareedaa dhaan dhiyeenya kana farfate:
Kan kee dhume! Maaf jetta anoo amma iyyuu jiraa
Raawwatamuu ga’eera kakuun fuula koo duraa
Ofumaati dhama’ee diinni qoraatti harkisaa
Kana waaqayyo dubbate eenyu tu karaa tti hambisa!
jechuu dhaan waan gaarii Waaqayyo nuuf qopheesse hamma dhumaatti obsaan haa eeggannu. Yoo diinni obsa nu fixachisuuf ifaaje iyyuu waan Waaqayyoo waa’ee keenyaa dubbate garuu eenyu iyyuu karaatti hinhambisuu!
Mee sagalee kanaa gadi jiran akka dubbifattan isin hafeereen barruu koo xumura.
“Harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaa mormaa! Innis isin dhiisee hinbaqataa.” (Ergaa Yaaqoob 4: 7-10).
“Nuyi abdiidhaan fayyinee; abdii ijaan argamu immoo abdii miti; namni waan ijaan argu in abdataa ree? Wanta ijaan hinargne yoo abdanne garuu , obsaan in eegganna.” (Gara Warra Roomaa 8:24).
“Kanaafis nuyi matumaa abdii hinkutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mul’atu gad dhumaa yoo deeme iyyuu , namummaan keenya inni keessaa har’aa-bor haara’aa in adeema. Rakkinni fi salphinni ammaa kun ulfinaaf nu qopheessa.” (Gara Warra Qorontoos 4:16).
Bahiru Atomsaa
- 0
Tear Down This Wall and Build Bridges:![]() Without any doubt it is time for all of us to tear down walls, fortresses and forts and start building bridges of relationships, friendships and nationhood. Every time walls and ... Read more |
Harooroo Wangeelaa fi adaa gidduu jiru![]() Hriiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru mali? Amanaan tokko amantii isaa fi jirenya hawaasaa kessaa iyyuu safuu fi duudhaa garaa garaa hawaasichi qabu akkamitti waliin firmoosee jiraachuu danda’a? Aamanaan tokko ... Read more |
Maddi gammachuu keenyaa Waaqayyotti gamm![]() “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa….” Filiphsiiyus 4:4 Phaawuloos ergaa isaa gara warraa Filiphisiiyus kana kessatti eggaa yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa jedhu maal jechuu barbaade laata? Jireemyi biyya lafaa hedduminaan dadhabbii fi sodaan ... Read more |
Obsaa fi Ogummaan Qoramsa K“Obsaan haannan goromsaa dhuga.” jedha Oromoon wayitii mammaaku. Mammaaksi kun yaad-rimeen “obsa” jedhamu, hagam ulfaata fi nuffisiisaa (hifachiisaa) haata’u iyyu malee, dhuma irratti badhaasa yookaan onnachiiftuu jabaa akka qabu s... Read more |
Utuu Waaqayyoon Amannuu Maaliif Rakkanna“Waaqayyoo jallinni fi rakkini akka hinjiraanne gochuu utuu danda’uu, jallina fi rakkina keesssaa waan garii baasuuf murteessuun isaa murtoo qajeelaa dha.” Saint Augustine. Utuu waaqayyoon amanannuu maaliif qormsii nutti baayyata? ... Read more |
Kristosin Uffachuu"Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti. Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti“ uffattaniittu." Gal 3:26-27Dubbiin Waaqayyjo, Phaawlos gara waldouta Kristaana kutaa biyya Galaatiyaatti, erge k... Read more |





