Maddi gammachuu keenyaa Waaqayyotti gammaduu keessaati
“Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa….” Filiphsiiyus 4:4
Phaawuloos ergaa isaa gara warraa Filiphisiiyus kana kessatti eggaa yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa jedhu maal jechuu barbaade laata? Jireemyi biyya lafaa hedduminaan dadhabbii fi sodaan kan guuteedha. Namin wanta amma fuula isaa jiru irra kan hafe kan boorrii fi borduubaa kallattin qaarsisee guutuutti arguu hin danda’u. Qaarsisee kallattin namni borduuba arguu dadhabuun kun namni soda fi sassataan akka inni jireenya isaa oofu kan godhan keessaa tokko. Sassati horii fi angoo rakkinaa eenyummaa namaa qofa otuu hin taane, sodaa fulduree qaatan arguu fi mo’achuu dhadhabuu irraa kan madduudha. Kanaaf biyyi lafaa hammam haa qaroomtu, namoonni qabeenyaa hedduminaan yootullatanuu soda fi yaaddoo irraa hafanii akka Phaawulos jedhu kanatti yeroo hundaa gammadanii jiraachuun waanta fakkaatu miti. Phaawulos egaa maal jechuu isaati ree?
Gammachuu Phaawulos dubbatu kun kan inni jalqabuu Waaqayyo irraati- “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa.” Jechuun isaa Waaqayyo isa booddee keenyaa fi fuula keenya jiru irratti of gataa jechuu isaati. Jireenyi keenya harka Waaqayyoo jira. Isatu nu’uume, karaa Kiristoos immo deebisee nuyi warra yaadaa fi jireenyaan isaa irraa fagaatee ture ijoollee isaa nu godhate. Waa’een tokkon tokkoon keenyaa hedduu isa dhiba, jireenya keenyas akeeka isaa keessatti. Kanaaf haalli nuti keessa deddebinu yoo akka safara namaatti amma toolaa hin fakkaanne, yoo waa’een borii keenyaa nuuf ifaa ta’uu baate iyyuu yaaddootti gadi of dhiisuu irra Waaqayyo isa hundumaa danda’u hundumaas argu irra yaada ofii kaa’achuun barbaachisaadha. Gammachuun nuti horii yookaan aangoo keessaa argannu gammachuu dhaabbataa ta’ee soda fi yaadda’uu irraa nun oolchu miti. Yeroo fuula keeenya gara Waaqayyo irratti deebifnu duwwaadha kan nagaa fi gammachuu waaraa yaaddoo irraa nu oolchu qabaannu. Isa kana egaa inni Phaawuloos jedhu. Gammachuun kun gammachuu isa fuula ifuu duwwaa otuu hin taane qalbii fi ilaalacha jireenyaa keenya kan ilaaluudha.
Yeroo nuti fuula keenya Waaqayyotti deeffanne isatti of gannu, haalli naannoo keenyaa, muddami jireenyaa yookaan dhabuun nu hin raasu nagaan Waaqayyoo garaa fi yaada keenya rafamaa fi yaaddoo irraa waan eeguuf. (Filip. 4:7) Yeroo heddu garuu yaadu irra yaadda’uutti waanta of laanuf, iji keenya oolchuu waaqayyoo out hin taane rakkina duwwaa waan argfuuf, afaan keenya gungummiin waan guuteef nagaa fi gammachuu hin qabnnu.
Maddi gammachuu keenyaa Waaqayyotti gammaduu keessaati. Waaqayyotti gammaduu jechuun immoo isatti amanachuu, itti of kennuu, isa abdachuu jechuudha. Gammachuun Waaqayyotti gammaduu irraa argamu gammachuu toluu yookan milkaa’uu haalaa irra argamu daran darba. Gammachuun hala irraa argamu umuriin isaa hangum haala sanaati, inni Waaqayyotti amanachuu irraa argamu garu dhabbataadha. Kanaaf Phaawuloos tasa yaaddotti ofi hin gatina, waanta isin barbaachisu yeroodhaa yerootti Waaqayyo duratti dhi’eefadhaa isa dura turaa malee jedha. Waaqayyo wanta nu barbaachisu yeroo isaatti nuuf kenna, ayyaana ittin isa eegganuus nuuf kenna. Kanaaf gammachuun Waaqayyo irratti gammachuu waaraa ta’e.
Obbolessa ko obboleetti ko, nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa ol ta’e, karaa Kiristoos garaa kee fi yaadaa kee haa’eegu. Amen.
Rev. Dr. Gemechu Olana
- 0
Tear Down This Wall and Build Bridges:![]() Without any doubt it is time for all of us to tear down walls, fortresses and forts and start building bridges of relationships, friendships and nationhood. Every time walls and ... Read more |
Harooroo Wangeelaa fi adaa gidduu jiru![]() Hriiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru mali? Amanaan tokko amantii isaa fi jirenya hawaasaa kessaa iyyuu safuu fi duudhaa garaa garaa hawaasichi qabu akkamitti waliin firmoosee jiraachuu danda’a? Aamanaan tokko ... Read more |
Maddi gammachuu keenyaa Waaqayyotti gamm![]() “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa….” Filiphsiiyus 4:4 Phaawuloos ergaa isaa gara warraa Filiphisiiyus kana kessatti eggaa yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa jedhu maal jechuu barbaade laata? Jireemyi biyya lafaa hedduminaan dadhabbii fi sodaan ... Read more |
Obsaa fi Ogummaan Qoramsa K“Obsaan haannan goromsaa dhuga.” jedha Oromoon wayitii mammaaku. Mammaaksi kun yaad-rimeen “obsa” jedhamu, hagam ulfaata fi nuffisiisaa (hifachiisaa) haata’u iyyu malee, dhuma irratti badhaasa yookaan onnachiiftuu jabaa akka qabu s... Read more |
Utuu Waaqayyoon Amannuu Maaliif Rakkanna“Waaqayyoo jallinni fi rakkini akka hinjiraanne gochuu utuu danda’uu, jallina fi rakkina keesssaa waan garii baasuuf murteessuun isaa murtoo qajeelaa dha.” Saint Augustine. Utuu waaqayyoon amanannuu maaliif qormsii nutti baayyata? ... Read more |
Kristosin Uffachuu"Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti. Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti“ uffattaniittu." Gal 3:26-27Dubbiin Waaqayyjo, Phaawlos gara waldouta Kristaana kutaa biyya Galaatiyaatti, erge k... Read more |




