Harooroo Wangeelaa fi adaa gidduu jiru

Hriiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru mali? Amanaan tokko amantii isaa fi jirenya hawaasaa kessaa iyyuu safuu fi duudhaa garaa garaa hawaasichi qabu akkamitti waliin firmoosee jiraachuu danda’a? Aamanaan tokko aadaa hawasichi qabu irraa guutuutti of qulleessee jireenya isaa ofuu in danda’aa? Gaaffileen kun gaaffilee rakkisoo dha. Gaffilee kanaaf Waldaan Kiristiyaanaa yeroo garaa garaatti deebii adda addaa kan yeroo isaa keessatti hiika kennuu danda’u  lachuf dhama’aa turtte. Ar’as kun gaaffi namoota hedduuti. Keessaa iyyuu hawaasi Oromoo yeroo ammaa qabsoo birmadummaa isaa gadi dhabuu fi cunqursaa siyyaasaa fi aadaa irra ture fi jiru bifa garaa garaan of irraa kaasuuf dhama’u keessatti yeroo hundaa gaaffin aadaan amantii Kiristiyaanaa walliin qabu dhimmama aadaa tiksuu irraa kan ka’e yeroo garaa garaatti in ka’a. Barreeffama gabaabaa kana keesatti, akka amanaa tokkootti, hubee fi gochaa keenya kan masakeessuu danda’an ilaalcha Macaafa Qulqulluu akka armaan gadiitti waliin ilaaluu yaalla.


Hundaa dura aadaan maal akka ta’e mee haa’addeffanu. Aadaan gabaabatti kuusaa hubee, afaan, shaakala, amantii, safuu, ilaalcha, hiika, walirraa-jala  hawaasaa fi dhugeefannaa uummata tokkooti.  Aadaan kallatti hundumaa kan dhuunfate,  akkaataa jireenya namootaati. Adaan kan dhalootaan ummati tokko walitti dabarsu, garuu kan yeroodha yerootti walquunamtii bifa garaa garaa ummatichi ummata biro waliin qabuun akkasumas sosochii ummaticha keessa jiruun kan bifa isaa geddarataa gabbachaa ademmu dhuudhaa ummata tokkooti. Egaa akka maaljecha kanaatti  ummati aadaa hin qabne hin jiru. Ummati tokko aadaa malee jireenya isaa ofuu, hiika itti kennuu fi walii isaa kessatti quunnamtii hiika qabu horachuu hin danda’u.
Akka ibsa armaan oliitti yoo xiinxalle amanaan tokko jireenyaa, hubee fi shakala jireenyaan aadaa uummata keessa jiratutti adda ba’uu hin danda’u. Aadaan duudhaa uummata tokkoo kan walqunnamtii isaa mijeessu fi hiika itti kennu duwwaa otuu hin taane walii gala hubee isaa irratti dhiibbaa kan godhuu dhallotaa kasee ubee kuufamedha. Kanaaf jireenyi amanaa tokko aadaa kessaa ala ta’uu hin danda’u. As irrati kan hubachuu qabnuu adaan nuti amma haasa’aa jirru dhimshaashatti aadaa dhala namaaa malee, waa’ee duudhaa garaa garaa kan garii gaarii yookaan badaa  ta’uu male miti. Mee garuu Macaafi Qulqulluun wanta inni jedhu haa ilaallu.


Macaafi qulqulluun adaa ilaalchisee adda baasee kan dubbate barsiisa adda hin qabu. Namni lama ta’ee uumamuun isaa irra kan ka’e jalqabuma kaasee umama aadaaf kun bu’uura ta’uun isaa ubachuun garuu nama hin rakkisu. Irra caalaa Macaafi qulqulluun waa’ee aadaa kallattiin otuu hin taane dhugeefannaa garaa garaa, ubee, amantii fi akkaataa jireenya namootaa fi fedhaa Waaqayyoo walbukkee qabuun kan inni kaasu irraa jiraachuu aadaa garaa garaa mirkaneessa. Sabi Israa’el aadaa kan isaa kan ta’e, dhallotaa dhalootatti kan darbu aadaa fi amantii mataa isaa qaba. Adaa fi amantii isaanii kun immoo seera Waaqayyoo kan isaan Waqayyo irraa karaa Musee argatanii akkasumas fuulaa fi bifa garaagaraan mul’achuu Waaqayyoo  kan tolchame yookaan kan dhiibban irratti ta’e aadaa qabu. Namni cubbtti kufuu isaan hariiroon Waaqayyoo fi nama gidduu, akkasumas namaa fi nama gidduu jiru badaa wanta’ee aadaan saba Israa’el kunis akkauma kan warra kaanii gutummaatti kan Waaqayyon gammachiisu hin turre ta’uus hin dandau. Kanaaf Waaqayyo karaa abboota firdii, karaa  raajotaa,  fi karaa lubootaa   kallattii barbaadutti  isaan geggeessa ykn oofa ture.  Adaan jiraachuu isaa malee, yookaan dhuudhaa fedha Waaqayyon mormu jiraachuu isaa malee namooti aadaa kessa ala jirachuu isaanii, yookan akka hin barbaachifne Macaafi Qulqullun nutti hin himu. Kanaaf Macaafa keenya kakuu moofaa kessatti waa’ee dhugeefannaa garaa garaa kan fedhaa Waaqayyon mormu, kan akka Waaqa tolfamaa Waaqessuu, Waaqa tolfamaaf dhibaafachuu, albadhummaa garaa garaa fi safuu qulqullummaa, abbaadhugummaa, qajelummaa fi Waaqaummaa Waaqayyon mormu irraa Sabi Israa’el akka of fageessu fi ofqulleessu yeroo Waaqayyo isaan abboomu argina. Darbees duudha yookan hubannaa nameenyaa nama uumama Waaqaan faallessu  fi xiqqessu hundumaa irraa sabi Israa’el akka of qusatu Waaqayyo karaa garaa garaa isaan akeekachiisa ture. Garu, hidhaa cubbuu kufaati Addaami fi Hewwaaniin dhala namaa hundumaa dhuunfate irraa kan ka’e sabi Israa’el fedhaa Waaqayyo kana kan hundumaa guutanii hin argamne.  As irratti kan ani jechu barbaade Macaafa Qulqulluu keessatti aadaan dhalanama yoom akka ummame maal akka ta’e kan ibsu otuu hin taane adaan akkamii, keessaaiyyuu dhugefannaan akkamii, hubanaan akkamii yookaan dhuudhaan akkamii fedhaa Waaqayyo wajjin akka hin deemne, nama ummaa Waaqayyoo irraa maal akka eegamu nutti mul’isa. Fedhumti Waaqayyo kunis, inni aadaa namootaa fi hubannaa dhalanamaa ol ta’e, afaan namaan adaa namootaa kessatti mul’achuun namoota gara akeeka Waaqayyoo isa dhaabbataa ta’etti geggeessa. Kaku haraa keessatti dhaloota Kiristoos irraa kana hubanna. Waaqayyo ofii isaati namummaa namaa fi aadaa dhalanamaa uffachuun nama gara Waaqayyotti deebisuuf gara keenya dhufe. Yesuus Kiristoos nama Yihuudii, afaan yihuudii kan haasa’u akka safuu fi hooda Yihudotaatti kan guddate fi  yaaduu nama guutu ture. Hata’u malee inni Ilma Waaqayyo hundumaa dura kan ture, wanti hundinuus kan isaan uumame Waaqayyoodha (Yohn. 1:1-13).  Kana jechuun namni aadaatti, aadaan namatti gargar ba’uu hin danda’u. Kanaaf jecha, yeroo waa’ee aadaa haasofnu Kiristiyaanni tokko aadaa namootaa keessa in jiraataa fi in jiraatuu otuu hin taane bifa akkamitiin jiraata, hariiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru maal fakkaata, Macaafi Qulquluun mal jedha isa jedhu yoo ilaalle hiika qaba.
Egaa kana irraa kan hubannu, Macaafa Qulqulluu kessatti hubannaa nuti arra qabnuun waa’een aadaa addaan ba’ee yoo hin barreffamnee iyyuu akkaataa garaa garaatti ibsamee jira. Akka olitti ilaalletti, aadaan walii gala jirenya nama kan dhuunfate akkataa fi amala jireenya ummataa yookaan hawaasa tokkooti. Wangelli immo ergaa misisraachoo fayyina ilmaan nama hundumaaf kan gochaa Yesuus Kiristoosiin raawwateeme mul’ateedha. Kana jechuun adaan akkataa waliin jireenya namootaa, bakka, iddoo fi yeroon kan daangeffamu dhimma biyya lafaa kana yeroo ta’u, Wangeelli immo isaan kan hundumaa kan tuqu ergaa misirachoo dhalnamaa hundumaaf kan ta’e iddoo, yeroo fi haalaan kan hin daangeffamne (1Pex. 1:25) kan ammaa fi barbaree ti. Haluma kana irraa kan ka’e hariiroon isaan kana lamaan giddii jiru rakkisaa dha. Kanaaf mee akkaataa salphaa ta’een akka armaan gadiitti haa ilaallu.


Wangeelli ergaa missiraachoo Sagalee Waaqayyoti. Sagaleen Waaqayyoo kun immoo dhuunfaas ta’e hawaasaa tokkoof  kan jirrenya kennu (Ezk. 37:7; Fak. 6:23), qulqulleessuu fi ijaaruu (Yohn. 17:17; 1Pex. 1:22), birmaduu baasuu yookaan ifatuu dha(Rom 1:16; Erm. 5:14). Akkasumas kan hin dabarre (Luq. 21:33) nama hunduaaf yeroo hundumaatti kan maa’ii baasuudha (Luq. 2:10; Mul. 14:6). Haala kanaan, yeroo aadaa kan yeroio fi iddoon murtaa’e, akkasumas cubbuutti kufaatii dhalnamaa irraa kan ka’e  fafa garaa garaa qabaachuu male irraa ilaallu Wangeelaa fi aadaa gidduu hariiroon jiru kan waldhibuu dha.
Hata’u iyyuu malee Wangeelumti kun aadaa dhalnamaa kana irraa walaba hubachuun hin danda’amu. Wangeelli Yesuus Kiristoosiin Sagalee Waaqayyooti jedha (Yohn. 1:1-5) Sagaleen Waaqayoo kun, jireenya isa keessa kan jiru, ifa namootaa kan ta’e Waaqayyoodha. Waaqayyoon kun garuu foon ta’ee namoota gidduu, aadaa namootaa fi duudhaa isaanii uffachuun, cuubbuu biyya lafaa kan irraa fuudhuuf dhufe dha (Yohn. 1:14, 29). Yeroo inni dubbatu warri booji’aman birmaduu, kan gadadaman gammachuu, kan seexanaan hidhaman furii, kan dhukkufftana fayyina, kan tuffataman fudhatama, kan beela’an quufa argatu (Luq. 4:18-19, Matt. 13:53-58).  Wangeele yeroo dubbifannu, gochaa fi dubbiin Yesuus yeroo sanatti qabaachaa ture kun jaalala guddaa isaaf hin horre. Kan inni dubbatuu fi hojjetuu aadaa fi safuu yeroo sana turee qeequu sagalee Waaqayyoo jala waanta galchuuf Yihudota yeroo sana wallin heduu waldhaba ture. Dhumatti kan gara fannootti isa geese, waldhabbii dhuman kana.   As irratti kan hubachuu qabnu Yesuus ofii isaatu nama Yihudii, afaan yihuudii kan haasa’u akka dhuudhaa fi amala yeroo sanaatti kan jiraate, garuu qulqulluu ilma Waaqayyoti. Jechuun, foon uffachuu isaatin aadaa yeroo sana kan uffate, hata’u iyyuu malee immoo gartokkoon aadaa, safuu, hubee, fi amala yeroo sana garas kan ta’e isa garasittis kan agarsiisu Ilma Waaqayyoti.  Hariiroon Wangeelaa fi aada gidduu jirus ismua kana fakkaata.


Akkuma namni uumaa Waaqayyoo nameenyaa isaatti cubbamaa malee gadhee hin taane, aadaan dimshaashatti gadhee ta’uu hin danda’u. Aadaan qaama ummama Waqayyoo ti. Adaan, waliin jirrenya nama kan hiika itti kennuu fi mijeessuu meeshaa hawasoomaati. Aadaa kana keessa garuu, cubbuu namaa irraa kan ka’e, hubee fi safuu, dhudhaa fi ilaalchi gadheen kan dhugaa Sagalee Waaqayyoo wajjin hin deemne hedduminaan jira. Yeroo waa’ee aadaa fi Wangeelaa yookaan Jireenya Kiristiyaana tokkoo aadaa kessatti haasofnu isa kana calleefannee beekuun barbaachissa dha. Yeroo tokko tokko sagalee Macaafa qulqulluu akka malee hiikuun rakkinsa keessa galla. Fekkeenyaaf sagalee Waaqayyo isa biyya lafaatti hin hidhamina jedhu (1Yohn. 2:15-17; Rom. 12:1-2; 1Qor. 1:18-31; 2Qor. 6:14-18; Yaq. 4:1-10) fudhanne irra keessa dubbifannee jireenya biyya lafaatti of hiikuu yaalla ta’a. Hiika dubbii kanaa guutummaa dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti, maalitti hidhamuu akka hin mallee qulqullessinee yoo hin ilaalin, Wangeelli fi aadaan, yookaan biyyi lafaa fi amantooti waan hundaan faalla kan ta’an waa walittiun kan hin qabnne, kan wali irraa baqachuu malan goonee illalla, akkasittis jiraachuu yaalla. Namni cubbuutti kuffu isaatin Waaqayyo darbatee akkuma hin ganne, biyyi lafaa inni uumama Waaqayyoo ta’e cubbuu namootaan adaan isaa yoo bade iyyuu akka hin jijjiramne yookan hin fayyine ta’e hin banne. Kanaaf biyya lafaatti hin hidhamina yeroo jedhu biyya lafaa kessaa ba’aa jechuu otuu hin taane, bu’aa cubbuu isa ta’e aadaa, safuu, ilaalcha fi dhugeefannaa biyya lafaa isa Waaqaummaa fi qulqullummaa Waaqayyon mormotti hin hidhamina jechuu isaati.


Wangeelli yeroo “biyya lafaa yookis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa, nammi tokko biyya lafaa jaallachutti yoo hidhame Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru”(1Yohm.2:15) jedhu kan inni ilaalu aadaa fi deddeebii yookan dhugeefannaa fedha Waaqayyo wajjin hin deemnee dha(1Yohn.2:16-17). Cubbuu fi jireenya cubbuu irraa kan hafe, biyyi lafaa fi waanti biyya lafaa keessa jiru hunduu fedha Waaqayyon kan uumame gaariidha(S.Um.1:31). Ummaa fi kennaa Waaqayyo isa ta’e gaarii biyya lafaa keessa jiru jibbuun immo Waaqayyoon jibbuu ta’a. Akkasuma hawwaa biiyya lafaa isa gaarii hin taane, yookaan aadaa fi safuu biyya lafaa isa Waaqayyo Abbaa bira hin banetti hidhamuun cubuudha. Biyya lafaa is Waaqayyo jaallate (Yohn. 3:16) jibbuu hin dandeenyu, cubbuu isa keessa jiru jibbina malee.


Gartokkoon immoo biyya lafaa keessa jiraachuutti malee keessaa ba’uutti nu hin waamane (Yohn. 17:15). Kana jechuun jireenya keenya kuutuudhaan biyya lafaa kana keessa jiraanaa. Kan jiraanu garuu dubbii Waaqayyon qulqulla’aa akeeka Waaqayyo raawwachaa akksuma Kiristoos fakeenya nuuf ta’e, fakkeenya gaarii ta’a dha malee duuchaatti aadaa fi ilaalcha haawasa keessa jiraanuu gaaffi malee keessatti liqimfamaa miti. Garii hojechuu malee, gaaffi malee waan hundumaa keessatti liqimfamuun keenyaa gaarummaa hin qabu. Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha; “Waanhundumaa keessatti hojii gaarii hojechuudhaaf fakenya gaarii ta’a” (Tit. 2:7). Warra gooftaa Yesuus duukaa bu’an barsiisa isaattis qabaman, biyyi lafa nu jibbuun isaa wanata hin hafnee dha (Yohn. 17:15), hata’u iyyuu malee qoodi keenya biyya lafaa baqachuu otuu hin taane biyya lafaatti fedhaa fi akeeka Waaqayyo jireenya fi dubbii keenyaan agarsiisuudha. Kanaaf yeroo waa’ee aadaa haasofnuus qoodi keenya akka Kiristiyaanaatti isa gaari tiksuu fi haaressuu, isa badaa dhidhuu fi qeequu irraa tasa of qusachuu hin danbdeenyu.


Waanti ifaan tokko, aadaan kan kennaa Waaqayyoo ta’e, akkuma dhalnamaa cubbuu jalatti kufee waan jiruuf yoom iyyuu qulqulluu ta’uu hin danda’u. Kanaaf jecha iddoo hedduutti wangeelaan waldhibuun isaa hin oolu. Wangeelli fayyinaa kun yeroo namatti dubatamu qalbii fi hafuura keenya qofa tuqa otuu hin taane jireenya keenya walii galatti itti dubbata. Kana jechuun Wangeelli kun aadaa keenyatti, safuu fi dhuudhaa nuti nama ta’uu keenyaa hawaasa keessa jiraanu irraa horannetti kallattin dubbata. Fakeenyaaf, hubee waa’ee dhalnamaa, waa’ee hafuura hamaa safeessuu, dhuudhaa mirga namoomaa xiqqeessu garaa garaa, oftitummaa fi albaadhummaa garaa aadaa keessatti calaqqisan Wangeelli kallattin itti dubbata, yeroo kana waldhabbin aadaa fi Wangeela gidduutti dhalata. Filanaan biraan garuu hin jiru, dhugaa Wangelaa ogumaan dhubbachuu irraa kan hafe. Dubbachuun isaa kunis balleessuuf otuu hin taane, ijaaruuf, haaressuu fi qulqulleessuuf male. Kanaaf Wangeelli gara keenya yeroo dhufu haala nuti keessa jirru hundumaa tuqa.


Wangeelumtiu kun immoo aadaa nuti qabnuu ala hubachuun, yookaan itti jiraachuun hin danda’amu. Wangeelli afaan sabaa itti dubbatamuutti ga’aatti yoo hin hiikamne, kallattii dhugeefannaa fi safuu ummataa isa qajeelaa yoo hin uffanne orma ta’ee hafa. Kun immo rakkina guddaa jireenyaa Kiristiyaanummaa fi Waldaa Kiristiyaanaa irratti fida. Fakeenyaaf yeroo harriroo jara lamaan giddu jiru akka kanatti hubannu, sababaii dhiibbaa jireenyaa hawasomaaf irraa kan ka’e eenyu iyyuu aadaa isa itti dhalatee, itti  guddatee fi keessa jiraatittii guututti gadi hin dhiifamu waanta ta’eef, amanaan tokkko, jireenya lama garaa lamaa fi sammuu lamaa jirachuuf dirqama. Nammi jireenya lama jiraatu garuu yoom iyyuu qalbii isaa keessatti nagaa hin qabu lubbun isaa ceephoo, soda, shakiin fi lolaan kan mudame ta’a. Kun garuu Fedha Waaqayyoo miti.
Wangeelli aadaa dhalnamaa oli. Hata’u iyyuu malee akkuma Kiristoos seera Waaqayyo isa ganama dhaabbate diiguuf otuu hin taane ijaaruu dhufe (Matt. 5:17-20), akkasumas biyya lafaa keessa nu baasuuf out hin taane biyya lafaa keessa ibsaa fayyinaa karaa isaa arganne qabanne akka jirrenya guutuu jiraanuuf ta’e,  wangeelli aadaa diiguuf, yookan balleessuuf out hin taane gara kallattii Mootummaa Waqayyotti geddaruuf (transforming) male (Yohn. 3:16-21). Kana jechuun hariiroon jirrenya Kiristiyaana tokkoo fi aadaa gidduu jiru bifuma qabaachuu male (Rom. 13:1-7). Jireenyi amanaa tokko akkuma kan kan aadaa waliin walitti araaramu otuu hin taane kan didhu (challge) fi jijjiiru ta’uu qaba.     As irratti kan hubachuu qabnu waa’ee Wangeelaa fi aadaa walitti araarsuu mit kan nuti haasofnu. Yoom iyyuu wangeelaa fi aadaan walitti araarsuun hin danda’amu. Wangeela ergaa dhugaa fi qulqulluu ergaa Sagalee Waaqayyo yeroo aadaa xiinxala tokko malee walitti araarsuu yaallu amantii Kiristiyaanaa dhugeefannaa itite kan angoo garaa garaa hawasicha keessa jiran tiksuu, gargaaruu fi jijjiiramaan mormu aadaa qofa ta’a. 
Biyya keenya Oromiyaa kessati kan beeknu, yeroo amantii Kiristiyaanaa fi aadaan walitti araaramu qoodi amantii waa’ee fayyina, birmaduu fi abdii Waaqayyoo jireenyaa fi afaaniin dhugaa ba’uu otuu hiun taane angowwan hawwasicha keessatti olaanumma qaban  tiksuu qofa ta’a. Ormiyaa kessatti, ara’a yoo ilaalle amanttin Ortodooksii fi aadaa saboota yeroo dheeraaf anagoo ol aanaa saba biiyicha keessa jiraachaa ture irratti qabaachaa turan, walitti araaramuu qooda lamaaaniin, jara gargar baasuun hin danda’amu. Kanaaf Waldaan kun yeroo dheeraaf meeshaa cunqursaa fi ittin sosochii hawasaa ajjeesan ta’ee hamma arraatti jira. Hariiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru walitti araaramuu otuu hin taane didhuu yeroo ta’u, Wangeelli human birmaduu baasuu, abdii horachiisuu fi jijjiirama karoorsuu qabaata. Seenaa shakala Amatii Warra Wangeelaa Oromiyaa kessatti, kessaa iyyuu kan akka Waldaa Warra Wangeelaa Mekane Iyyesuusiin,  geddaramsii dhufe fi jiru  irraa kana hubanna.  Wangeelli afaan umataatiin lallabamuun isaa, eenyummaa fi safuun ummatichaa abaaramuu fi tuffatamuu irra wangeela birmaduu, dhugaa fi fayyinaa akka hawasichi hubatutti lallabamuun isaa abdii fi hafuura birmadummaa jabaa hawaasicha keessatti gadi dhaabe.


Egaa hariiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru jecha qabaabaadhaan kan kaa’uu dandeenyu miti. Akkumaa amantooti ijoollee Waaqayyo taane, sabummaan keenya garuu kan Waaqarraa ta’e, ara immo lafa kana irra guututti jiraannu, isa abdannu jiraachuttis waamamne, calallee aadaa fi Wangeela gar gara baasuu yookan immo walitti maku yookaan araarsuu hin dandeenyu. Yoo kan hubanne jireenyi keenya hawaasa keessatti, yookan hariiroon nuti aadaa, ilaalchaa hawaasaa fi dhudhaa isaa waliin qabaachuu malle, kan baqachuun yookaan lagachuun  mul’ifamu otuu hin taane jirrenya keenayyan, hawwa kenyaan, gochaa keenyaan aadaa keessa jiraanu kallatti Wangeelaa irraa didhuun kallatti Mootummaa Waaqayyo agarsiisuu malle dha.

Rev. Dr. Gemechu Olana

 
  • 0
prev
next

Tear Down This Wall and Build Bridges:

News image

Without any doubt it is time for all of us to tear down walls, fortresses and forts and start building bridges of relationships, friendships and nationhood.  Every time walls and ...

Read more

Harooroo Wangeelaa fi adaa gidduu jiru

News image

Hriiroon Wangeelaa fi aadaa giddu jiru mali? Amanaan tokko amantii isaa fi jirenya hawaasaa kessaa iyyuu safuu fi duudhaa garaa garaa hawaasichi qabu akkamitti waliin firmoosee jiraachuu danda’a? Aamanaan tokko ...

Read more

Maddi gammachuu keenyaa Waaqayyotti gamm

News image

“Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa….” Filiphsiiyus 4:4 Phaawuloos ergaa isaa gara warraa Filiphisiiyus kana kessatti eggaa yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa jedhu maal jechuu barbaade laata? Jireemyi biyya lafaa hedduminaan dadhabbii fi sodaan ...

Read more

Obsaa fi Ogummaan Qoramsa K

“Obsaan haannan goromsaa dhuga.” jedha Oromoon wayitii mammaaku. Mammaaksi kun yaad-rimeen “obsa” jedhamu, hagam ulfaata fi nuffisiisaa (hifachiisaa) haata’u iyyu malee,  dhuma irratti badhaasa yookaan onnachiiftuu jabaa akka qabu s...

Read more

Utuu Waaqayyoon Amannuu Maaliif Rakkanna

“Waaqayyoo jallinni fi rakkini  akka hinjiraanne gochuu utuu danda’uu, jallina fi rakkina keesssaa waan garii baasuuf murteessuun isaa murtoo qajeelaa dha.”  Saint Augustine. Utuu waaqayyoon amanannuu maaliif qormsii nutti baayyata? ...

Read more

Kristosin Uffachuu

"Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti. Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti“ uffattaniittu." Gal 3:26-27Dubbiin Waaqayyjo, Phaawlos gara waldouta Kristaana kutaa biyya Galaatiyaatti, erge k...

Read more
NewsFlash
The 15th Annual UOEC Conference
The 15th Annual United Oromo Evangelical Churches Spiritual Conferences will be held from July 28 – August 1, 2010 in Portland, OR. The Conference schedule is as follow:  July 28, Wednesday 9AM: Pastors and Ministers meeting, July 29, Thursday 9AM Board and Council meeting July 29, Thursday evening the Conference begins.
Video of the Week
You must have Flash Player installed in order to see this player.