Akeeki barruulee kana waan tokko, innis, dhugaa ergaa Wangeelaa irraa sagalee jajjabinaa, sagalee birmaduu, sagalee abdii fi fayyinaa hiikuun beekumsaa fi jireenya Kirstiyaanummaa amantootaa ijaaruu dha. Sagaleen Waaqayyoo akka nuti dubbii Waaqayyoo isa dhugaa beekutti guddannu (2Pex. 318), akkasumas karaa hundummaa waan gaarii ta’e gochuu irraa of hin qusanne, walis ijaarru nutti dubbata (Yaq.4:17).

Akeeka kanaan egaa maxxansaa barruulee kanaa amma eegalle.
Moggaasi maxxansaa kanaa bu’uurri isaa Wangeela. Innis, akeeki Waaqayyoo; akeeka jireenya guutuu fi jireenya birmaduu isa inni karaa Kiristoos nutti mul’ise sanaa dha(Yohn 10:10). Dubbiin Waaqayyoo, dhugaa kana beekuu duwwaa otuu hin taane hubachuun, akka birmaduu guutuu nubaasu, akkasumas kallatti jireenyaas nutti agarsiisu dhugaa nuuf ba’a(Yohn. 8:32).
Egaa maxxansa kana afaan Oromoon ji’a sadi sadii maxxansuun, kan eegalleef, dhimmaa fi jireenyaa, akkasumas shakala amanttii Kiritiyaanaa kallattii dhugaa dubbii Waaqayyoo irraa hiikuu fi xiinxaluun hubee jireenya amntii kee gabbisuudhaafi. Waaqayyo siin haa’eebbisu !

Last Updated ( Saturday, 21 February 2009 18:52 )