Maxxansii 'Birmaduu" kutaa sadafaan maxxanfamee ajajajchuuf qophaa'eera. Isa Kanaan duraa caalaa maxxansa Birmaduu barruulee wangeelaa Afaan Oromoo hanaga tokkoo gaaffii dubistaoota irratti hundeefamnee foyyisenee afaan Ingliffaas itti maknee maxxansineerra. Gabbisa hafuuraa keesaniif akkasumas hubee sagalee Waaqayyoo dhimmaa garaa garaa irratti horachuuf 'Birmaduu' barruulee isin tajaajiluuf maxxanfamuu dha.
Waa'ee dhimmaa hawaasaa fi jireenya amantii Kiristiyaanaa, keessaa iyyuu haala yeroo amma ummati keenya keessa jiru ilaalchisee maxxansa kana irrattii ijoo dubbii gurguddan lama Luba Keenya Dr. Gemechis D. Buba fi Dr. Gemechu Olaanaan barreefamanii jiru. Dubbifattanii akka isin itti eebbifamtan in amanna